===Kan kee si ga'a!===
Guyyaa tokko sareen lafee baattee riqicha irra osoo ceetuu, bishaan keessatti gaaddidduu ofii ishee argite.
Garuu suuraa ofii ishee akka ta'e hin hubanne.
Achiis sareen biraa lafee kan ishee caalu baattee deemaa jirtu isheetti fakkaate.
Kanaaf riqicha irra dhaabattee yeroo duttu,
lafeen afaan ishee keessa ture afaan irraa bu'ee bishaan keessa lixe.
Sareen sun aarii guddaadhaan, “Lafee koo irratti kan kee illee dabalattee nyaattaa?” jettee dheekkamsaan bishaanichatti utaalte. Garuu keessaa bahuu dadhabdee duute jedhama.
Obboleessa koo, kan kee qofti si ga'a. Kan nama biraa hin hawwin yookaan hin cinqamin. Kan nama biraa barbaadaa osoo jirtuu, kan kee akka hin dhabne of eeggadhu. Kan kee qofaatti gammadi!
Share @Olbana_Chala