𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡: post #602 — TG.ME

Rakkinnoota Moo’adhu!

~••» Namni tokko Wiilcherii irra taa’ee yoo arginu jalqaba wantii yaada keenna keessa dhufu namichii nama guutuu ta’uu dhabuu isaati. isumaayyuu haala innii keessa jiruuf gadduu keenna agarsiisuu yaalla. Namoota arguu hin dandeenne, Harkii isaanii naafa ta’e, Warra okkolan, Namoota harka tokko qofa qabaniifi kan qaama hirdhuu jedhaman Akka waan isaanii nama guutuu ta’aniitti hin ilaallu. Ga’umsa dhokataa isaan irra daangaa keenya. Dhaabbii isaaniin namoota madaalla. Ati garuu nama dhaabbiin madaalamuu miti. Addunyaa irratti namoonni Sammuu gurguddaa qaban tokko tokko Wiilcherii irratti argamu.

Wiilcherii irra kan turan pirezidaantii Ruusiveltiin isan yaadachiisa.
Namoonni qaamaan miidhama ta’an hoogganaa biyyaa guddaa ta'uu danda'u jettanii yaaddanii beektuu?! dhi’oo kana seenaa dargaggeesa tokkoo dubbiseen jira. Dargaggeessi kun hayyuu Herregaa Guddaa ta’ullee dhukkuba lafee namaa miidhuun gidirfamaa jira. Namni kun qaamii isaa baayyee miidhamaa ture.

Ulaagaa nuti Bareedinna jennee keennuun yoo madaalame gaddisiisaadha. fuulii isaa miidhamaa waan tureef fuullee ijaa(ilaa) yoo godhatu irraa bu’a; Funnaan isaa irra hin jiru jechuuttuu salphata. Ilkaan isaa manca’eera. Walumaa galatti bocii qaama isaa babbadeera. Barreeffama barreessuu hin danda'u. Garuu dargaggeessi kun hayyuu Herregaa Guddaa akka ta’e ni dubbatamaaf. Piroofeeseroonni gara Mana isaa deemuun waan innii dubbatu barreessu. Beekumsa Sammuu nama kanaa keessaa madduunis kitaabonnii Yuunivarsiitiiwwan keessatti barattoonnii irraa baratan ni qophaa’u.

••~ilaali; Dhukkubni nama kana qabate sun ga’umsa dhokataa keessa isaa jiru balleessuu hin dandeenne. Dandeettiin Sammuu isaa innii guddaan miidhama qaama isaan hin miidhamne. Wantoota waaqii keessa isaa kaa’e fayyadamuudhaan rakkinnoota isa mudatan mo’ate.

(Kitaaba; Understanding your potential) Jedhu kana Ebisa Bayissa hiike irraatii.

Atis rakkinnii fedheeyyuu ga’umsa dhokataa kee si keessatti hin ijjeesin. Daayyaa teetillee hin maseensin. haalota kamiiyyuu keessattis jabaadhu.... Jabaadhu!

https://t.me/of_uum
Telegram
𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡
Channel kun namoota kaayyoo isaani milkeessuf ifaaja jiran onnachiisuufi akkaata namoonni isaan dura milkaawan keessa dabran qoodudhafi You are going to be successful one day and make your parents proud💯
❤2👍2
August 8, 2026 255