๐—œ๐—ฐ๐—ฐ๐—ถ๐—ถ๐˜๐—ถ ๐™…๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™–๐Ÿ’ก: post #600 โ€” TG.ME

Maaliif Kitaaba Humna Sammuu Keeysaa (The Power of Your Subconscious Mind) kan Joseph Murphy dubbisuun fardii taate?

Katabni kun Bara 1963 keeysa yeroo jalqabaaf adunyaa dubbistootatti gadi baye, The Power of Your Subconscious Mind ja'ee toopika jabduu tanaan harka dubbistoota seene. Kitaabota dadhabbinna irraa gama jabinnaatti of jijjiiruf nu gargaaran keeysa dhiibbaa jaboo  uumun tarree duraa qubatee taa'e. Joseph Murphy ilaalcha namoota, qajeeltoowan (Ittiin Bulmaata) jireenya namoota, fi akkum san sirni sammuu keeysaa akkamitti jireenya namoota akka ijaaru balbaloomsa.

Dhaamata/Barmoota Jaboo Katabbii Keeysaa  funaanamte;

- Sammuu keeysatti yaadota yookanis ilaalchota namoonni deddeeybisan  sammuun amanee kaawata. Yaadawwan yeroo hunda sammuu keeysaa kaawaman gocha fi bu'aa jireenya namoota irratti dhiibbaa guddaa qabu.


-Yaada, gochaa fi Ilaalcha taye
Dhugaadha
Jettee ofitti himnaan keeysi sammuu kee osoonif ati itti hin yaadin hujii isa hujjatee xumra.

- Yaadni fi dhiibban namoonni dhiboo gama kee qaban/taasisan si too'achu yookanif si dhaabu hin dandayu yoonif ati keeysa sammuu keetitti himuu baatte!


ยซ"Yaadni yookaan gorsi namoota dhiboo humna tokkollee si irratti hin qabu keessa sammuu keetti himuu baannan."ยป

- Yaadni kee muuxannoo jireenya kee ta'a. Yaaduun aarifa akkasuma si ijaaraa bu'aa dansaadhas siif uuma; sodaa fi shakkiin immoo bu'aa badaawa ta'e fida.

- Yeroo hunda filannoo qabda. Haalli jireenya kee maal iyyuu haa ta'u, deebii kee fi waan amantu filachuu ni dandeessa.

ยซ"Jireenya fili! Jaalala fili! Fayyaa fili!"ยป

Maaliif dubbisuu qabda?

Yoo ilaalcha sammuu (mindset), ofitti amanamummaa, fi akka yaadni kee jireenya kee irratti dhiibbaa geessisu hubachuu barbaadde, kitaabni kun yaadawwan  yeroo dheeraaf dubbistoota miliyoonaan lakkaa'aman kakaasan siif dhiyeessa.

@Nuumaan1TP or @Ramiizo1l
โค2๐Ÿ‘2
August 5, 2026 288