๐—œ๐—ฐ๐—ฐ๐—ถ๐—ถ๐˜๐—ถ ๐™…๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™–๐Ÿ’ก: post #593 โ€” TG.ME

Ati ofii keetiif amanamaa ta'i. Yaada kee, dubbii kee, gocha kee, sochii kee, jireenya kee guyyaa guyyaa  keeysatti nama dhugaa fi amanamaa ofiif ta'i. Amanamummaan wantoota dhugumaan arkachuu feetu irraa si hin dhorku. Namoonni na haa fedhaniif jettee  eenyummaa kee dhoksuun yookaniif immoo haguuguun gammachuu dhugaa siif hin fidu. Fuula sobaa uffachuun gatii fi amanamummaa kee hir'isa. Yaada, โ€œNamoonni waa'ee koo maal jedhu?โ€ jettee akka hin nyaadhamne of eeggadhu. Ofii keetiif of ta'i, ofi hin sobin.

Haalli fi yaadni namoonni si ittiin ilaalan yeroo hunda jijjiiramaa deema; kanaaf waa'ee ofii keeti irratti xiyyeeffadhu. Wanti caalaatti barbaachisu ofii kee wajjin hammam tasgabbaa'aa fi gammadaa akka taate, akkasumas guddinna ati taasisaa jirtu hammam akka si gammachisu ilaali. Kanaaf eenyummaa kee isa dhugaa osoo hin gurgurin of ta'i jiraadhu.

Kan fedhe si haa fedhu kan si dide haa didu at garuu yeroo hundaa of ta'i. Hanga namoota biroo kabajaa fi gaarummaan wajjiin jiraacha  jirtuttiโ– Of ta'i!

Wariya Of-tahuun Of-Fedhuudha---Of-Fedhi๐Ÿ’š
โค3๐Ÿ‘1
July 26, 2026 450 2