Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I)… — Media Show Official — TG.ME

Media Show OfficialPhoto
Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhatan, yeroo ammaa kana karaa filannoowwan ifa ta'aniin qabxii isaanii ilaallachuu  eegalanii jiru.

Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiirraa lakkoofsi barattootaa fi maatii yeroo tokkotti marsariiticha (website) fi telegiraamii fayyadamanii baay'ee olaanaa waan ta'eef, dhiibbaan teeknikaa  mudachaa jira. Kanaan walqabatee saffisni marsariitichaa hir'achuu ykn yeroodhaaf tajaajila kennuu dadhabuu danda'a. Kun haala uumamaa teeknooloojii yeroo gabaabaa ti.

Kanaafuu, barattootnii fi maatiin barattootaa yoo sararri isin jalaa cufame ykn ariitiin isaa laafe, dhiphachuu irraa of qusachuun, tasgabbii fi obsaan irra deddeebi'uun (Refresh gochuun) akka yaaltan isinii dhaamna. Ragaan qabxii barataa kamiyyuu sirnaan kan fe'ame waan ta'eef, dhiibbaan sararaa kun suutuma suuta yeroo fooyya'aa deemu hundumti keessanuu qabxii keessan haala salphaan kan argattan ta'a.

Filannoowwan sirrii irra deddeebi'uun ittiin yaaltan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii : @EAESbot
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
result.eaes.et
EAES Result Checker | Educational Assessment and Examination Services
Official portal to check Ethiopian Educational Assessment and Examination Services (EAES) results online. Enter your Admission Number and First Name to view your exam results.
❤2👍1
August 25, 2026 1K 1