Qormaati Ba'uufi Wanti Barattooti Dubbisan Wal Hin Argu Jedhame. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru.
Qorannoon haaraa dhiheenya kana Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo biyyattii tiin qophaa'e akka ifoomsetti, Qormaatni Ba'umsaa (Exit Exam) dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamaa jiru qabxii barattootaa fi sanadoota dubbisaaf kennamuuf waliin akka wal hin simne mirkaneesseera. Qorannoo kana irratti akka eerametti, dhaabbileen barnootaa dhuunfaa sadii sagantaa barnootaa kamiiniyyuu barataa tokko illee dabarsuu kan hin dandeenye yoo ta'u, Itoophiyaan addunyaa irraa biyya qofaatti gosa barnootaa hundaan qormaata ba'umsaa kennitu ta'uun ishee himameera. Waraqaan qorannoo kun kan dhiyaate waltajjii marii Hoteela Iskaay Laayititti taa'ame irratti yoo ta'u, ogeeyyiin Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan adda addaa irraa walitti dhufan hirmaataniiru.
Ogeessa qorannoo kana dhiyeessan keessaa tokko kan ta'an Dr. Abirahaam Tulluu akka himanitti, qorannoo kana irratti barattoota kuma ja'a (6,000) ol hirmaachisuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis barattoonni kuma dhibba tokko fi kuma digdamii saddeet (128,000) ol ta'an qormaata kana kufuu isaanii fi dhibbeentaan darbiinsaa giddu-galeessan harka 33.1 qofa ta'uun isaatu ibsame. Keessumaa dhaabbilee dhuunfaa keessatti lakkoofsi barattoota darbanii harka 14.8 qofa ta'uun isaa yaaddoo guddaa uumeera.
Qorannoon kun akka eeretti, barattoonni qormaata kana kufuun waraqaa ragaa dhaban dhibba keessaa harki 64 carraa hojii dhabuun, dhiphina xiinsammuu fi of-qoolluuf saaxilamaniiru; akkasumas maatii isaaniitti ba'aa ta'aniiru. Kana malees, barattoota irra deebi'anii qormaata fudhataniif gargaarsi manneen kitaabaa dabalatee deeggarsi idilee dhaabbilee barnootaa irraa taasifamuuf laafaa ta'uun ibsameera.
Dhiibbaan qormaata kanaa gama xiinsammuu qofa osoo hin taane gama dinagdeetiinis kasaaraa guddaa qaba. Akka qorannoon kun agarsiisutti, barattoonni kunniin kufuun isaanii mootummaa irra kasaaraa qarshii biiliyoona saddeetii ol qaqqabsiiseera.
Dhumarrattis, rakkoolee kana furuuf yeroo qormaataa rakkoon ibsaa fi neetworkii akka hin uumamne gochuu, kaalkuleeterii heyyamu, barattoota kufaniif leenjii deeggarsaa (Remedial) ji'a lamaa kennuu fi qabiyyeen qormaataa sanadoota barattoonni dubbisan waliin wal simachuu akka qabu yaanni furmaataa dhiyaateera. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru.
6September 2, 2026 437 1