Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gitoota hojii duwwaa armaan gadii bu'uura kontiraataatiin guutuuf gahumsa qaban barbaada.
Hubannoo
=========≡≡≡=========
📶Iyyattoonni guyyoota hojii 10 /kudhan/ walitti aansuun guyyaa beeksisni kun bahee, Fulbaana 24, 2018, hanga Onkoloolessa 07, 2018, sa’aatii 10:00 AM hanga 10:00 PM qofaaf iyyachuu ni danda’u.
📶Bakka galmee fi sa’aatii: Finfinnee, Karaa 22, Gara Magananyaa deemu Gamoo Meklit, gamoo 10ffaa, Daayirektoreetii Bulchiinsa Humna Namaa, Waajjira Lakk.06, Sa’aatii hojii: 2:30 AM - 6:30 AM fi 7:30 PM - 11:30 AM.
📶Yeroo galmaa’an iyyattoonni ragaa barnootaa orijinaala isaanii fi footokoppii hin deebine dhiyeessuu qabu.
📶Ragaan muuxannoo hojii dhaabbilee miti mootummaa irraa argamu gibira qaxarrii kaffaluun isaa mirkanaa’uu qaba.
📶Iyyattoonni sadarkaa barnootaa sadarkaa III hanga sadarkaa V qaban Ragaa Gahumsa (COC) dhiyeessu qabu.
📶Bakka Hojii Finfinnee Waajjira Muummee, Waajjira Damee fi waajjira tajaajilli dhaabbii konkolaataa itti kennamutti.
Bilbila. Lakk.0913045587
Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee.
Yaadachiisa✅
Odeeffannoo carraa hojii amansiisaa yeroodhaa yerootti argachuuf fuula fb kiyya @Jootee Qalbeessaa follow gochuun akkasumas chaanaalii telegram kiyya join gochuun hordofaa!
⭐️ https://t.me/jobsfornation
⭐️ https://t.me/JobsNets
🌐 https://t.me/newdailyJobs
🌐 https://t.me/JobsNets