TAJAAJILA WANGEELAA SARARA QILLEENSA IRRAA JHTM
🙏 KADHANNAA GUYYAA 9FFAA
Mata Duree: HOJII DHABEEYII FI WARROOTA ARAADA ADDAA ADDAA KEESSATTI KUFANIIF KADHANNA.
📖 Faarfannaa 34:18
> “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.”
📖 Isaayaas 41:10
> “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”
🎯 Kaayyoo Kadhannaa
Har’a warra hojii dhaban, warra hojii barbaadaa jiran, dargaggoota abdii kutatan, akkasumas namoota araada adda addaa—alkoolii, qorichawwan sammuu namaa jijjiiran, sigaaraa fi araada biroo keessatti kufanii jiran gara Waaqayyootti ba'aa isaanii gara Waaqayyootti fidnii akka dhufan.
Waaqayyo nama kufe hin tuffatu. Inni nama jireenyi isaa miidhamee fi abdii kutate kaasuuf, hidhaa irraa hiikuuf, jireenya haaraa kennuuf ni danda’a.
1. 💼 HOJII DHABEEYIIF HOJII AKKA ARGATAN.
📖 Faarfannaa 90:17; Fakkeenya 16:3
2. 🔓 WARROOTA ARAADA ADDA ADDAA KEESSATTI KUFANIIF
🖊 Waaqayyo humna araadaa kamiyyuu ittiin mo'atan akka isaanif kennu.
🖊 Alkoolii, sigaaraa, qorichawwan araadaa fidan irraa birmadummaa akka argatan.
🖊 Waan jireenya isaanii qabee jiru irraa birmaduu akka ba'an
📖 1 Qorontos 6:12; Galaatiyaa 5:1
3. 🧠 SAMMUU FI QALBII ISANIIF BIRMADUMMAA AKKA ARGATAN
🖊 Abdii kutannaa, soda, dhiphina fi yaaddoo irraa Waaqayyo bilisa akka isaan baasu.
🖊 Sammuu fi qalbii isaaniif nagaa akka kennu.
🖊 Yaada gaarii fi abdii boruuf qaban akka haaromsu.
🖊 Jireenyi isaanii gatii kan qabu akka ta'e akka hubatan.
📖 Roomaa 12:2; Filiphisiyus 4:6–7
4. 👨👩👧👦 MAATII ISANIIF
🖊 Araadaan rakkina hariiroo maatii isaanii keessatti uumame irraa akka fayyan.
🖊 Jaalala, araara fi waliigalteen maatii keessatti akka deebi'u.
📖 Qolosaayis 3:13–14; Efesoon 4:32
5. 🙏 BILISUMMAA HAFUURAA FI JIREENYA HAARAA AKKA ARGATAN.
🖊 Waaqayyo hidhaa araadaa irraa birmadummaa dhugaa akka argatan.
🖊 Jireenya isaanii keessatti hojiin Hafuura Qulqulluu akka mul'tu.
🖊 Kadhannaa, Dubbii Waaqayyoo fi waldaa irraa akka hin fagaanne.
🖊 Kiristoos keessatti eenyummaa isaanii akka argatan.
🖊 Namoota amantii gaarii qabanii fi gorsitoota amanamoo namoota isaan jajjabeessan akka isaanf kennu.
📖 Yohaannis 8:36; 2 Qorontos 5:17
6. 🌱 JIREENYA HAARAA IJAARUUF
🖊 Waaqayyo karaa jireenya haaraa isaanif akka banu.
🖊 Ogummaa hojii, barnootaa fi daldalaa ittiin of danda’an akka isaanif kennu.
🖊 Dandeettii fi kennaa isaanii akka fayyadaman.
🖊 Muuxannoo isaanii gara fakkeenyummaa fi eebba namoota birootti akka jijjiiran haa godhu.
📖 Isaayaas 43:19; Efesoon 2:10
7. 🛡️ QORUMSAA FI DEEBI'ANII ARAADAAN AKKA HIN QABAMNE.
🖊 Yeroo qorumsi isaan mudatu akka hin kufne Waaqayyo akka isaani jabeessu.
🖊 Hiriyoota ykn haala gara araadaatti isaan deebisu irraa ogummaadhaan akka fagaatan.
🖊 Yeroo dadhaban nama amanamaa irraa gargaarsa argatan Waaqayyo akka isaanii kennu
🖊 Kufanii yoo deebi’an abdii akka hin kutanne, deebi’anii k.
📖 Fakkeenya 24:16; 1 Qorontos 10:13
8. 🌅 ABDII FI MILKAA’INA BORUUF KADHACHUU
🖊 “Abdiin Jireenyi koo dhumeera” kan isaan jedhan keessaa bilisa akka ba'an.
🖊 Hojii, maatii, barnoota, tajaajila fi jireenya isaanii keessatti kaayyoo qnje5 kennu.
🖊 Jireenyi isaanii warra kaan jajjabeessuu amma danda'utti
📖 Ermiyaas 29:11; Roomaa 8:28
Jireenya isaanii keessatti hojii haaraa, abdii haaraa, kaayyoo haaraa fi jalqaba haaraa uumif.
“Ilmichi yoo birmaduu isin baase egaa isin warra birmaduu baatanii dha"'.”
📖 Yohaannis 8:36
Maqaa Yesuus Kiristoosiin Ameen!
Pr Teshome Gutema. Hagayya14/2018
t.me/Jht2g