Anii Enyuu Araraa keetii kan naa ilaaltee ? Cubbuu yaadee, cubbuu ulfa'ee , cubbuu kan guddisee Anii Enyuu Araraa keetiin kan naa ilaaltee? Anii mana Kee Atii kessaa jirattuu Akkan ta'ee Nan beekaa Kunis dhaladhee guyyaa 40 fi 80ttii yeroo Atii Abba koo Anis mucaa Kee ta'ee sana irraa mana Kee isaa Atii jalattuu mana Amantaa qulqulluun turee. hara'aa Garuu manaa Kee Araaman fudhateeraa ,ingirdaadas biqilicheeraa kanaaf Yaa Gooftaa Anii Enyuu Araraa keetiin kan nan ilaaltee? Ammaas mana qulqullummaa Kee yaadadhuu,Tasa osoo cubbuu kiyyaa irraa naa hin qulqullessiin naan ballessiin🙏 dhiifaama keetiin naa yaadadhuu ganamaanis Ta'uu, galagalaa sa'atii xumuraas yoo ta'ee Akka yero fannoo irraa jirtuu kan Araara keetiin daawattee fiyatawii zayeman isaa mirgaa keetiittii fannifamee Ananiis naa yadadhuu ,naa faayyisii gonkaa naa hin dhiisiin Anii yeroo Hundaa daa'imaa fuulaa keetiittii Hamaa fi Gaarii kan na fayyaduu Fi kan naa midhuu osoon beekuu naan balleessaa ,Akka Haatii da'imaa ibidaan Akka hin gubbannee Haatii ibidirraa egduu Atii umaa koo Akkaan ibidaan Barbara si'olittii hin gubbannee naa egii Amen