Barattoota shamarranii darsii nu biratti qara'an keessaa isaan lamaan… — HADIISA📚 — TG.ME

HADIISA📚Photo
|• Barattoota shamarranii darsii nu biratti qara'an keessaa isaan lamaan kun warra waggaa kana qormaata biyyooleessaa kutaa 12 fudhataniidha. Isaan hafan ganaadha.

Wagguma kana keessa:-
1. Qur'aana hifzii xumuranii ( gaafa haffazan guyyatti fuula 60-75 jidduu guyya guyyaan haffazaa turan.
2. Hanga qormaataaf guyyaan 5 moo akkani hafutti guyyaa tokko darsii irraa hafanii hin beekan.
2. Darsii nahwii ( aajurruumiyyaa yeroo 2 wagguma kana keessa wajjiin qaraanee xumurre. Moggaa tokko haffazanii)

3. Darsii Mumti'i Sharhii aajurruumiyyaa yeroo lama wajjiin qaraanee xumurre wagguma kana keessa ( garii qawaaida aajurruumiyyaa keessa hin jirree haffazaa).. Qormaata isaa qoramaa. Eeda qormaata qoraman booda kitaaboota nahwii biraa haffazuufii barachuu itti fufan... Hafuura baafannaan hin jirtu.

4. Darsii Sarfii صرف الصغير matnii isii yeroo 4 ol wajjiin qaraanee wagguma kana kana.. irra guddaa isii haffazanii

5. Risaalaa lama dhimma adaba ilmii shari'aatiin wal qabattu ( بهجة الطلب fii خلاصة تعظيم العلم wajjiin qaraane gad qabaa qara'an.

6. Kitaaba fiqhii Manahaju Saalikiin ustaaza tokkoo wajjiin qarana'anii xumuranii turan.

7. Kitaaba fiqh Al-Muyassar hanga kitaaba Salaata walakkaatti wajjiin qara'aa turre. Kitaabuma fiqh al-muyyasar irraa dowraa faraaidaa takka kitaaba mawaariisaa tolchanii qara'anii xumuran.

8. Musxalaha hadiisa beeyquunii fii Al-mulakhas an nafiis itti makaa haffazaa qara'an.

۞ mana barnootaa isaanii keessatti dhimma niqaabaatiif jecha qabsoo hadhooytuu godhaa turan.

9. Kitaaboota aqiidaa fii manzuumaalee akka ahsanil akhlaaq laamiyyaa ibn teeymiyaa fii kkf Ustaazoota dubartootaa fii kanneen biraa irratti hedduu qara'aatuma as bahan. Sababa kutaa 12 tahaniif namoota isaan biraa qur'aana hifzii addaan mureetu ture. Garuu hanga isaanii kana takka qabxii hin dalayne.

Takka 544
Takkammoo 502 fidan.

Tuni hangaan ani yaadadhu. Taniin ani hin beekne kanaa oli



Rabbiin ﷻ beektoota ummata isaa fayyadan kanneen towhiidaa fii sunnaa ol fuudhan isaan haa taasisu.
❤36👍5
August 29, 2026 947 1 4