Leenjiileen namoota ilmii shari'aatii fii qabatama hawaasni keessa jiru nama gad fageenyaan hin beekneen godhamtu tolcha isiitirra badii isiitu irra heddummaata. Yaada doggogoraa hedduudha haaa fakkeessitee hawaasa leenjii fudhatu keessatti hanbifti.
Nama beekhu qofaa miti nama gad fageenyaan beekumsa qabuu fii bal'isaa beekhuu fii waan dhaggeeffattootaaf kennanii fii dhiisan dhimma ka'uu qabuu fii ka'uu hin qabne tolchee beekhu ta'uu qaba. Dhimmi dhimma diin hanga ta'etti daffaarummaan tun yoo hafte wayyaadha. dirqamaasi.
Diin rabbii ﷻ daffaara ta'uu miti kan feesisu. Beekumsaa barbaachisuu fii hikmaa qabaachuu barbaachisa malee.»
Rabi'al Awwal 16,1448H

