Rasuulli keenna ﷺ dhimma dajjaaliin wal qabatu akka malee haga aduun… — HADIISA📚 — TG.ME

Rasuulli keenna ﷺ dhimma dajjaaliin wal qabatu akka malee haga aduun guyyaa mul'istu caalaa addeessew nuuf ibsee waa'ee ifa godhee deeme. kanumaa wajjiin gaafa dajjaal bahu gosa tokkoo fii magaaluma takka irraa namoota 70000 isa horsofuuf jiraata.

Eega inni biyyootaa addunyaa kanaa hedduu keessa naanna'ee immoo kan maqaa muslimaa himatu meeqaatamtu isa hordofuuf jiraata.

Dajjaal guddaa dhufuuf jiraatu san dura dajjaaloota dhibba meeqaatuu gandootaa lafarraa keessaa fii gandoota miidiyaalee hawaasaa kanarra guute jira. Kan si dhibu namoonni osuma jallina,kijibaa fii badooma isaa beekaaniiti namni kumaatamaan lakkaa'amu isaan hordofa. Yaadaa fii adeemsa isaa fudhatee jala deema. Isaanii dajjaaloota xixiqqoo kana jala bu'ee dafkee harka dhayeefii bira dhaabbatu agarta.

Heddumminni namoota karaa badanii sin dagin. Muraasa ta'uun lakkoofsa warra haqaatilleen karaa haqaa shakkuu keetitti sin geeysin. Kana hunda beekumsaan adda baafadhu. Dhimma diin keetii baradhu. Waan hin beekne beektoota gaafadhu. Namni koofiyyaa kaayate cuftillee beekaa miti. Beekaan nama beektoota zaman isaa ragaa bayaniifi. Dhimma diin keenya dhimma aqiidaa teenyaa keessatti of eegannoo socho'uu nu barbaachisa.

Rabbiin ﷻ karaa haqaa beeknee hubannee qabachuun irratti jiraannee irratti du'uu nuhaa waffaqu.

Rabi'al Awwal 8,1448H
❤19
August 21, 2026 1.9K 3