Dhimma Maalummaa fi Eenyummaa Yesuus kiristoos irratti: ๐Ÿ”ด๐Ÿ”ดโ€ฆ โ€” ๐†๐ˆ๐๐†๐ˆ๐‹๐‚๐‡๐€๐€ ๐ƒ๐‡๐”๐†๐€๐€ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ โ€” TG.ME

Dhimma Maalummaa fi Eenyummaa Yesuus kiristoos irratti:

๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด #Kutaa_48ffaa ๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด

Haati ilmaan Zabdeewoos Yesuusin ilmaan ishee lameen mootummaa samii keessatti mirgaafi bitaa isaatiin akka isiif kaa'u gaafattee akkana jechuun deebiseefii jira: "Yesuusis deebisee, Xoofoo kiyya irraallee ni dhuddu; garuu karaa harka mirga kiyyaa yookiin karaa harka bitaa kivyaa taa'uu kennuun hujii kiyyaa miti. Bakki kun kan warra Abbaan kiyya isaaniif jedhee isa qopheesseeti." (Maatewoos 20:23) [Hiika Waalta'aa Haaraya]

Maarree Kiristaanonni akka jedhanitti Yesuus Waaqa yoo ta'e, akkamitti mootummaa samii seensisuun "Hujii kiyyaa miti" jedhee deebisa? Kiristaanonni akka jedhanitti yeroo hedduu wantoota hedduu raawwachuu kan dadhabe "Foon uffatee nama ta'ee gara lafaa waan dhufeef."

Haa ta'u malee, keewwata kana irratti "Hujii kiyya miti yoo jedhu akka hin dandeenne kan dubbate yeroo foon uffatetti osoo hin taane bara dhumaa mootummaa samii keessattiidha."

๐Ÿ›‘ Maarree "Waaqa" yoo ta'e, innis akkuma Abbaa maaliif jannata seensisuu kan hin dandeennef?
๐Ÿ‘1
August 23, 2026 230