DHUGUMATTI, JANNANNI HARKA NAMAATII HIN TAโ€™U! ALHAMDULILLAAH ๐ŸŒฟ Ollaaโ€ฆ โ€” ๐†๐ˆ๐๐†๐ˆ๐‹๐‚๐‡๐€๐€ ๐ƒ๐‡๐”๐†๐€๐€ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ โ€” TG.ME

๐ŸŒฟ DHUGUMATTI, JANNANNI HARKA NAMAATII HIN TAโ€™U! ALHAMDULILLAAH ๐ŸŒฟ

Ollaa Imaama beekamaa Abuu Haniifaa jedhamu keessaa namni tokko nama dhugaatii alkoolii dhuguun machaaโ€™u ture. Imaamni Abuu Haniifaan yeroo hedduu isa gorsaa turan. Garuu namichi gorsa isaanii dhagaโ€™uu hin dandeenye. Dhumarrattis, gorsuu irraa dadhabanii itti dhiisan.

Guyyaa tokko halkan, akka tasaa, balballi mana Imaama Abuu Haniifaa rukutame. Yeroo balbala banan, haadha warraa namicha machaaโ€™aa ollaa isaanii taate argan.

Isheenis akkana jette:


โ€œYaa Abuu Haniifaa! Abbaan warraa koo duโ€™ee jira. Salaata Janaazaa isaa irratti naaf salaataa.โ€

Isaanis akkana jedhanii didan:


โ€œNama khamrii dhugaan machaaโ€™u irratti ani hin salaatu.โ€

Guyyoota muraasa booda, Abuu Haniifaan abjuudhaan namicha sana bakka baayโ€™ee miidhagaa taโ€™e tokko keessatti, gammadaa fi bashannanaa osoo jiruu argan. Yeroo inni Abuu Haniifaa argetti akkana jedhe:

โ€œYaa Abuu Haniifaa! Baguma Jannanni harka kee hin taโ€™in. Alhamdulillaah!โ€

Abuu Haniifaan ganama hirribaa kaโ€™anii gara haadha warraa namicha sanaa deemanii akkana jedhanii gaafatan:

โ€œAbbaan warraa kee yeroo addunyaa irra ture maal dalagaa ture?โ€

Haati warraa isaas akkana jette:


โ€œDalagaa addaa baayโ€™ee qabaachuu baatus, guyyaa Jumuโ€™aa yeroo hunda yatiimota ganda keenyaa walitti qabuun nyaachisaa ture. Akkasumas mataa yatiimotaa sanaa harka isaa lamaan qaqqabaa fi isaan gammachiisaa ture.โ€

Kana booda Abuu Haniifaan baayโ€™ee gaddanii akkana jedhan:

โ€œSababa hojii kanaatiin Rabbiin Jannata isaaf kenne taโ€™uu mala.โ€

Ergasii Imaamni Abuu Haniifaan ummata gorsuu jalqaban:

โ€œNama tokko โ€˜badii hojjetaโ€™ jettanii maqaa isaa hin balleessinaa; wal hin arrabsinaa. Rabbiin hojii inni ittiin Jannata seensisu eenyullee hin beeku.โ€

๐ŸŒฟ Dhugumatti, Jannanni harka namaa hin jiru!

Namni tokko badii hojjachuu isaa qofa ilaallee, dhuma isaa irratti murtii kennuu hin qabnu. Akkuma namni tokko badii hojjatu, hojii gaarii inni dhoksaatti hojjatu jiraachuu dandaโ€™a.

Rabbiin qalbii fi hojii namaa hunda ni beeka. Inni nama fedhe araara; nama fedhes rahmata isaatiin ol kaasa.

๐Ÿคฒ Yaa Rabbii! Hojii gaarii Si biratti fudhatama argatu nuuf godhi; hojii keenya isa nuuf milkaaโ€™ina taโ€™u nuuf qabadhu; Jannata kee nuuf kenni. Aamiin!

#Alhamdulillaah ๐Ÿค
#Jannanni_Harka_Namaatii_Hin_Taโ€™u
#Gorsa
#Daawaa
#Caayaa_Diinaal_Islaam

https://t.me/Caayaadiiinaalislaam
Telegram
๐™ฒ๐™ฐ๐™ฐ๐šˆ๐™ฐ๐™ฐ ๐™ณ๐™ธ๐™ธ๐™ฝ๐™ฐ๐™ฐ๐™ป ๐™ธ๐š‚๐™ป๐™ฐ๐™ฐ๐™ผ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ
#Namni Waan Gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa(ajrii) akka Isa dalagee argaata [Nabi Muhammad๏ทบ] #Barachuun of Misoomsuudha.!!! โœ“Waliin taanee โœ“Waliif taanee โœ“Amantii teenya barannee haa barsiifnuu. โœ“Qur'aana fi hadiisa In-box:- @Alamudinabe28
August 19, 2026 281 1