Seenaa Risaa irraa Barnoota Guddaa! Risaan mallattoo ciminaa, obsaa… — GALAA SAMMUU — TG.ME

🦅 Seenaa Risaa irraa Barnoota Guddaa! Risaan mallattoo ciminaa, obsaa fi ofitti amanamummaa ti. Yeroo qilleensi cimaa fi bubbeen ka'u, simbiroonni hedduun bakka itti dhokatan barbaadu. Risaan garuu hin baqatu; qilleensa sana fayyadamee ol ka'ee balali'a. Rakkoon gadi isaa hin harkisu, ol isaa kaasa. Akkuma kana, Cimini yeroo wanti hundi salphaa ta'etti hin ijaaramu; rakkoo hunda mo'uu keessatti guddata. Qormaanni hundi gootummaa, obsaa fi imala nama cimaa ta'uu keenya ijaara. Har'a rakkoon si mudatu, bor humna kee ta'a. Rakkoon si mudate si cabsuuf osoo hin taane, si jabeessuuf dhufeera. Risaa ta'i! Rakkoo irraa hin baqatin; rakkoo kee irratti ol ka'i. Sababni isaas, namni qormaata mo'e qofatu fiixee milkaa'inaa irra dhaabata. 🦅💪 New mindset === New results https://t.me/Tadilaa https://t.me/galaa24 https://www.facebook.com/tedilakasim7?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v ‎

August 6, 2026 312