ጾመ ፍልሰታ(ሱባኤ ሐዋርያት) ✍️Hagayya 1 irraa eegalee hanga 14 duuka buutonni du'aa ka'uu fi olbahuu haadha keenya dubree Maariyamii arguuf kan itti subaa'ee qabataniidha. ✍️Subaa'een yeroo kadhannaa,soomaa,yeroo waaqayyoon waliin itti dubbatan fi dhiifama cubbuu itti argataniidha. ✍️Addaam subaa'ee qabatee waan kadhateef "ilmoo ilmoo kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa", waadaa jedhu waaqayyoo irraa argateera(Kitaaba Qalamenxoos). ✍️Kaayyoon subaa'ee:- waaqayyoon kadhachuu,jeequmsa addunyaa keessaa ba'anii isa waliin haasa'uu, jireenya keenya keessatti iccitii fi beekumsa nu jalaa dhokate akka nuuf mul'atuuf,eebba qulqullootaa argachuuf, waaqayyoon eeyyama isaa nuuf ibsee murtee jireenya keenyas ta'ee kana mana kiristaanaa murteessuuf subaa'een barbaachisaadha. ✍️Subaa'ee dhuunfaa:- "Mana keetti ol seenii balbala kee cufadhu, abbaa kee isa dhoksaan jirutti kadhadhu", bu'uura jedhuun kiristaanni tokko dhuunfaa isaatin kan qabatuudha.[Mat6÷6]. ✍️Subaa'ee waldaa:- fakkeenyaf, waldaa mana kiristaanaa keessa jiru kan akka waldaa barattoota dilbataa fi amantoota dabirii sanaan taasifamuu danda'a. ✍️Subaa'ee labsii:- rakkoo tasaa biyya irra gahe hambisuuf akka biyyaatti kan labsamuudha.fakkeenyaaf akka ummata Nanawwee ✍️Subaa'ee galuudhaan dura:- kaayyoo isaa beekuu,eeyyama fi eebba abbaa gaabbii irraa fudhachuu, humna ofii beekanii qabsuura ofii daangessuu,dhiifama namaaf gochuudha. ✍️Yeroo Subaa'ee immoo :- waan hin barbaachisne dubbachuu irra callisuu,baayyisanii sagaduu,kadhachuu fi soomuu,xiqqeessanii nyaachuu,tajaajila mana kiristaanaa hunda irratti hirmaachuu, gadi of qabuu fi gorsa abbootii fudhachuun barbaachisaadha. Waqtii subaa'ee keenyaa waaqayyoon nuuf haa eebbisu!. YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA Chaanalii Caffee mooraa jimmaarraa kan fudhatame
ጾመ ፍልሰታ(ሱባኤ ሐዋርያት) ✍️Hagayya 1 irraa eegalee hanga 14 duuka buutonni… — Faaruu Afaan Oromoo Ortoodoksi — TG.ME
August 6, 2026 1.4K 1 8