Maariyaam /ol baate/×2 gara Gannataa /2/ Ergamoonni Gooftaa Gammachuun itti marsanii Ol Baate gara Gannataa/2/ Ililleefi faarsanii haadha Waaqasanii Mirgasaa ni teessi mootittiin jechuuni Ergamoonni Gooftaa Gammachuun marsanii Kabajashee guddaaf isaan faarfatanii Ol baate gara Gannataa Daawwitis faaruusaan yoommu inni faarfatu Baganaan harkasaa sagalee ni laatu Jechi raajotasaa erga bakka ga'e Maariyaam ol ba'uun fedha ilmashee ta'e Olbaate gara Gannataa Maqaankee dammadha qabbana akka Aannanii Nuufis kan kadhattu Abdii ilmaan Addaamii Har'as ta'u bori bara amma baraatti Nu araarsuuf jette kidaanemihireeti Ol Baate Gara Gannataa Ol ba'uu Maaramii nut ni amanna Daandii Abbootarra nuti deddeebina Kanaafis faarfanna akka Abbaa Hiriyaaqosi Ilma kee baattadhu kottu nu eebbisi Ol Baate Gara Gannataa ==•|•== 👇👇Miseensa ta'aa ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️ ╚═════════════╝ + @Faarfataa #share
7
1