Iyyoolee ni jenna Waaqayyoon Faarsina Ishoo ni gammadna Taaborirratti olbaana Iyyoolee koo... Hoo /4/ Waaqayyo Gooftaa Uumaa Addunyaa Abbaa Dhiifama Abbaa nageenyaa Akka biiftuutti Ife biftisaa Huccuun addaatee Ni calaqqisaa Iyyoolee koo... Hoo /4/ Yaa’iqoob Yohaannis Luba Pheexiros Taabor irratti Kaase Kiristoos Kaleessa shakkan Kan Turun hunduu Icciitii arganii Gammadan hedduu Iyyoolee koo... Hoo /4/ Lukkuun iyyitee Lafti bariitee Dukkanni darbee Birraan bariite Dachee keelloodha Gooftaan uwwise Ilmaan namootaaf Jaalala ibse Ayyaana Waggaa Ayyaantut arga Baga geessanii Hundi keessani Galata isaa Hin dagatinaa Isatu nu gargaare Gaafa rakkinaa Waggaaf bara haaraa/2/ ...Dabali kaa...Dabali...Dabali kaa... Kan har'aan nu geesse Kan borus sit beeka Carraan ilmaan namaa Yaa Waaq sumat beeka Ijoolleen Waaqayyoo Heddu gammanneerra Taabor irratti baanee Ifas arganneerra Waggaa waggaa ga'a Waan gaarii dhaga'a Jaalala qabaadhaa Waan hamaa baqadhaa /2/ Manguddoon eebbisaa Aayyoliin ililchaa /4/ ==•|•==
22
1
1