Harmooniyaatti 👉👉 Faaruu Buhee ......Harmooniyaatti...... Taabori Harmooniyaatti Iyyesuus tulluu gubbaatti Eeliyaas Musee samiitii Musee ni kaase du'aatii(2) @Ceesisa Dacheen ejjeta milli isaati Samiinis teessoo ulfina isaati Hundumaa gochuu utuu danda’u Dhufe dhalate galanni haa ta'u (2) @Ceesisa Kakuu saa eege inni mul'ate Maariyaam durbeerra fooniin dhalate Tulluu Taaboritti ifaan golgame Waaqumma isaatiin itti argame(2) @Ceesisa Qaqawwisaanii lafti raafame Ulfina isaatiif tulluun ni rome Dumeessis dhufee dachee uwwise Gooftummaa isaa itti mul’ise (2) @Ceesisa Warra achi turan bartoota keessaa Taate mul'ate argan hunda isaa Musee fi Eeliyaas ijaan arganii Waan jedhan dhaban gammachuudhani(2) @Ceesisa Arjummaa isaatiin nutti haa mul'atu Waaqummaa isaatiin hunda kan bitu Nagaaf Jaalala hundaaf haa laatu Mootummaa satti nu haa yaadatu(2) ==√||√== 👇👇F.Dn Jaalal Nagaasaa ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️ ╚═════════════╝
10