ü በበይነ መረብ (ONLINE) ሆኖ ማስፈንጠሪያ ሊንኩም https://bs.ministry.et
የመግቢያ ፈተና ቀን
ü 9ኛ ክፍል ለሚገቡ ተወዳዳሪ ተማሪዎች ሐምሌ 22 ቀን 2018 ዓ.ም
በመሆኑ የፈተና ቦታና ሰዓት በቀጣይ በማስታወቂያ ይገለጻል፡፡
ማሳሰቢያ፡- በምዝገባና በፈተና ወቅት ቀድሞም ሆነ ዘግይቶ የመጣ አይስተናገድም፡፡
Beeksisa dorgommii barattoota Kutaa 9ffaa Kaampaasii Saayinsii Shardii (Science Shared Campus) Yuunivarsiitii Barnoota Kotteebee Bara Barnootaa 2019tiif:
Akkaataa qajeelfama simannaa barattootaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Yuunivarsiitii Barnoota Kotteebeetiin waliin qophaa'een, Kaampaasii Shardii Saayinsiitiif barattoota haara Kutaa 9ffaa bara barnootaa 2018 keessa qormaata magaalaa guutuu kutaa 8ffaa fudhatanii qabxii olaana galmeessisan dorgomsiisuun bara barnootaa 2019 keessa barsiisuuf qophiin xumurameera.
Kanaafuu, barattoonni ulaagaalee armaan gadii guutan Kaampaasii Shardii Saayinsii keessatti dorgomuu ni danda’u:
1. Bara barnootaa 2018 keessa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti damee Amaariffaa ykn Afaan Oromootiin barachaa kan turan;
2. Qormaata magaalaa guutuu daree 8ffaa bara barnootaa 2018 keessatti qabxii giddu-galeessaan (Average) 80% fi isaa ol kan galmeessisan;
3. Qormaata magaalaa guutuu daree 8ffaa bara barnootaa 2018 keessatti akaakuuwwan barnootaa Saayinsii Waliigalaa, Herrega, fi Ingiliffaa keessaa tokkoo tokkoon isaaniitiin qabxii qormaataa 80% fi isaa ol kan galmeessisan;
4. Mana barumsaa bara 2018 keessa barachaa turan irraa hanqinni amalaa (naamusa) tokkollee akka isaan irratti hin mul'atin xalayaa ragaa kan dhiyeeffatan;
5. Mana barumsaa isaanii keessatti kilaabii Saayinsiifi Teeknoolojii keessatti hirmaachuu isaaniitiif ragaa kan dhiyeeffatan;
6. Qabxii kutaa 7ffaa isaaniitiin akaakuuwwan barnootaa Saayinsii Waliigalaa, Herrega, fi Ingiliffaa keessaa tokkoo tokkoon isaaniitiin qabxii giddu-galeessaa 80% fi isaa ol kan qaban;
7. Mana barnoota Kaampaasii Saayinsii Shardii keessatti damee Saayinsii Umamaatiin (Natural Science) itti fufuu kan barbaadan;
8. Guyyaan Galmee: Adoolessa 13 hanga 17 bara 2018 A.L.H. tti gaggeeffama;
9. Haala Galmee: Toora interneetiitiin (ONLINE) yoo ta'u, liinkiin galmee: https://bs.ministry.et
10. Guyyaa Qormaata Seensaa: Barattoota dorgomtoota daree 9ffaatiif Adoolessa 24, 2018 A.L.H. ta'a. Iddoonii fi sa'atiin qormaataa beeksisaan kan ibsamu ta'a.
Hubachiisa: Yeroo galmeefi qormaataa dursees ta'ee boodatti hafee kan keessummeeffamu hin jiru.
ለተጨማሪ የመረጃ አማራጮች ማሰፈንጠሪያውን ይጫኑ!
https://linktr.ee/aacaebc