Sin hubatan... Tibba ruudni sitti dhimmisu miixuu Gaafa obsi kee… — DIRREE BEEKUMSAA🧠 — TG.ME

Sin hubatan...

Tibba ruudni sitti dhimmisu miixuu
Gaafa obsi kee dhumee, aariin si gobee xiixu,
Waaqnis namnis gaafa si jalaa callisu!
Kan abdattu, kadhaa keef sitti harka yoo ballisu!
Gaaf...Dagaleen kee cabdee,
At-sagalee gaaf dhabde!
Ee...
Gaafa garaan si kajeelu dhadhaa
Alaaf keessaan deegdee, yennaa deemtu kadhaa!
Baroota kee keessaa
Barri tokko waan hunda si jalaatii ajjeesa🥺
Harka martee raaree keessa teessa
Ee...
Waqxiin tokko jira, waqtiin dukkanooftuu
Hamileef humna kee, waqxii qorumsi hakooftu

Gaafas...ati,

Hin hubatamtu
Hin fudhatamtu

Barbaaddus, carraatu si miliqa
Waciitiitu si'iin dhiqa
Gadadootu sitti siqa!
Ee...hunduu...
Sin hubatan
Sin fudhatan

Haasaan kee taanaan haasaa hiyyeessaa,
Nama dhabda nama keessaa!
Waaqnis kadhaa kee mara dheessa,
Gadadootu si geggeessa🤫
Of gantee eenyummaa keen ala teessa🫠
Ee...
Gaafa mucha doomaa hootu
Buutiin yeroo sitti lootu
Mee maali wanti ati gootu?
Maaltu jira obsuu malee?
Miixuun kee miixuu gaaf dhalee
Kophummaan sitti gaaf gale
Homtuun jiru obsuu malee...

Jira bara keessa barri tokko
Kan siif hiixatu lakkuu rakkoo
Qalbiin kee hubatamuu feeti
Sin hubatan mooji keeti😏
Gaafas...
Sin hubatan
Sin fudhatan

© Kenbon Ab

https://t.me/Dirree_beekumsa
Telegram
DIRREE BEEKUMSAA🧠
JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF.
❤5
January 16, 2026 378 1