Dhukkuba_ASIMII (#ASTHMA) ☆☆☆☆☆ Dhukkubni Asimii ujummooleen… — DIRREE BEEKUMSAA🧠 — TG.ME

#Dhukkuba_ASIMII (#ASTHMA)              ☆☆☆☆☆ Dhukkubni Asimii ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan, akka dhiita'aniifi waan tuttufan ykn aakkii namatti baay'isudha. Dhiphachuun ujummoolee qilleensaa kunis rakkoo hargansuu fiduun qufaa, afuurri akka ciccitu gochuu danda'a.            #Mallattoolee_Asimii ♦️Afuurri ciccituu ♦️Qufaa ♦️Qoma jabeessee qabuu(Ch.tightness) ♦️Hirriba gahaa dhabuu ♦️Yeroo gara alaatti afuura baafatan sagalee dhageessisuu(Wheezing) ♦️Yeroo utaalloon nama qabu kan namatti jabaatudha. #Wantoota_dhukkuba_Asimii_namatti_jabeessan: 📌Allergy (foolii abaaboo, dhukkee, doodiraantii ykn shittoo) 📌Qufaafi infeekshinii ujummoolee qilleensaa biroo 📌Sochii qaamaan booda, 📌Qilleensa qorraa 📌Faalamuu qilleensaa kan akka aaraan 📌Qorichoota akka (beta blockers, Asprin, Ibuprofen) 📌Of dhiphisuu 📌Dubartoota tokko tokko irratti yeroo marsaa laguu itti jabaachuu danda'a. #Asimiif_maaltu_nama_saaxila? 🔷️Maatii keessa Asimii namni qabu yoo jiraate 🔷️Allergy kan biraa yoo qabaatan(gogaa, saayinesii) 🔷️Ulfaatinni dabaluu 🔷️Sigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu waliin ooluu 🔷️Qilleensi faalamuu, bakka hojiitti keemikaalota adda addaa, hojii rifeensaa, hojii qonnaa 🔷️Asimiin sanyiin ni daddarba jedhamee yaadama. #Ogeessa_fayyaa_yoom_mariisistuu? 🔶️Afuurri ciccituun yoo itti jabaate 🔶️Sochii qaamaa xiqqoo godhee kan afuurri ciccitu yoo ta'e #Asimiin_akkamitti_yaalama? ✅️Asimiin yaalamee guutummaatti fayyisuun hin danda'amu; garuu, mallattooowwan isaa to'achuun ni danda'ama. ✅️Yeroodhaa yerootti ogeessa mari'achuun qoricha akka barbaachisutti fudhachuun gaariidha. ✅️Wantoota namatti kakaasan ykn jabeessan irraa of eeggachuun gaariidha. ✅️Bakka qorraatti afaaniifi funyaan haguuggachuu ✅️Sochii qaamaa dhaabbataan gochuu ✅️Mana keessa jiraataaniifi bakka ciisan haalaan qulqulleessuu. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓                    ☆☆☆☆☆ © Dr. Bultii Likkiisaa, 2026       #Follow_n_Share🙏🥰                   👇👇👇         https://t.me/Dirree_beekumsa

TelegramDIRREE BEEKUMSAA🧠JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF.
January 16, 2026 341 1