Yaadadhu Taliile! Silliqqee qabannee jabbilee bobbaafnee Giingoofi… — DIRREE BEEKUMSAA🧠 — TG.ME

Yaadadhu Taliile! Silliqqee qabannee jabbilee bobbaafnee Giingoofi cinciriqqee hiphoofi oduu durii Walumaan taphannee Hagamsa bosonaa waliin funaannannee Funaannannee nyaannee Bishaan laga Hawaas gad jennee dhudhaanee Gammachuun habbuqnee Dheebuu bara dheeraa waliin obbaafanne. Foollee weedduu Gadaa walumaan weeddisnee Ireessa buqqisnee Harsadiin qaqqabnee Jiidha jilbeeffannee harootti dhiqanee Uumaa Waaqa keenya ittiin araarfanne. Odaa gaaddisicha jalatti boqonnee Dafqa haxaawannee dugdaan gallee ciifnee ija harbuu nyaannee Dadhabbillee baane Yaraafi gaarii hedduu waliin dabarsine. Har'a hunduu darbee waadaan qoosaa taanaan Seenaan kan koofi kan kee baraan jijjiiramnaan Harki koo qal'atee kan kee immoo gabbannaan Bishaan laga Hawaas guutichi hir'annaan Cuukkoofi cumboo tuffattee waan yaraa dhamdhamte Booka xireeffattee cabbaaya dhudhaate. Uggum yaa barasaa yeroofi jabanasaa Mi'aafi hadhaasaa yaa jabaafi laafaasaa Uumamni kee dachaa akka kennaa Waaqaa Yeroo tokko gogu kaan immoo irraa baqa Tokko yoo dheebotu kaan immoo irraan naqa. Mee yayyaadi---yayyaadi---daddabalii yaadi Yaada keen xiinxali sammuu keetiin sadi Halkan illee raftee guyyaa illee yoo teessu Qaamaanis boqottee yaadaan samii geessu Intala Abbaa Gadaa yaadadhu Taliile Atillee maal qabda Anis maalan qaba Maal qabna wal malee! 1990 By Mootummaa Asaffaa https://t.me/Dirree_beekumsa

TelegramDIRREE BEEKUMSAA🧠JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF.
January 13, 2026 365 2