#FINNIISA (#acne_vulgaris)
~~~~
Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha.
#Finniisa maalfaatu nutti fida?
>Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa)
>Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban.
>Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu.
>Of dhiphisuu
>Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate(genetic)
#Mallattoolee-gosuma finniisaa irratti hundaa'uun garaagara.
-Finniisa adii ta'an (qaawwaansaanii dudduudaa)
-Finniisaa gugurraacha(qaawwaansaanii babbanaa)
-Finniisa madaa qabu
-Finniisa malaa kuufate(infeekshinii baakteeriyaa kan godhate)
-Finniisa gurguddaafi kan dhukkubbii qabu.
#Yaalli finniisaa maalfaati?
>Qorichoota dibataman(retinoid)
>Yaala hormoonii
>Yaala gogaa qaamaa(intralesional steroid, comedon removal)
>Nyaata soorannu sirreessuu
>Carallaa(PDT)
#Ofirraa ittisuuf maal haa goonu?
👉Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu.
👉Wantoota dibata of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu.
👉Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu.
👉Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu.
👉Of dhiphisuu dhiisuu
👉Soorata mi'aawaa ta'an baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
👉Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuufi kkf.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏
~~~~
© Dr. Bultii Likkiisaa, 2026
#JOIN & #SHARE🙏❤
👇👇👇
https://t.me/Dirree_beekumsa
Telegram
DIRREE BEEKUMSAA🧠
JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF.

1January 11, 2026 321