Giftii koo;
Jireenyi kaleessaa
Taatewwan ta'aman
Imalli fageenyaa
Bakkeewwan ga'aman
Dubbiin mimi'aawaan
wal wajjiin hasaafne
Biqiltuun jaalalaa
wal wajjiin akaafne,
Waliin waa karoorsaa
Gulantaan darbine
walumaan kudhaamaa
Abjuun nu argine
achii;
Lafaa kaanee
Abjuun seenessine
Abdii walitti horaa
faara waliif tolaa
karaan dheeressine
Itti hubattee hin yaanne
Hin qalbifneef malee
Anaaf jireenyuma
Yaadannoowwan kalee
Anaaf;
Abdii laatu
Taateewwan kaleessa
Ati immoo hin jirtu
kanaaf; miirri koo walkeessa
Tahus;
Harki yoo gu'ellee
Waa yaadun hin gu'u
Hariiroon yoo du'ellee
Yaadannoon hin du'u
Eeyyen yaadannoon jiraatadha.
Abdii Nagahoo 🗒 🖋 ✏
https://t.me/Dirree_beekumsa
Telegram
DIRREE BEEKUMSAA🧠
JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF.

3January 3, 2026 388 1