HIN DHIQATIIN HARKA! _ _ Fira - fira jettee Otuu na leellistuu Arraba… — DIRREE BEEKUMSAA🧠 — TG.ME

HIN DHIQATIIN HARKA!
_ _
Fira - fira jettee
Otuu na leellistuu
Arraba jiifattees
Waa'ee koo weeddistuu
Akka waan naaf turtee
Akka waan naaf jirtuu
Otuu dubbii mi'aawaatiin
Gurra narraa cirtuu.
Dukkana waariidhaan
Dahattee - gugguuftee...
Cooma nyaattee buluuf
Sobaan na gurgurte!
_ _
Otuun deemee hin ga'iin
Galma koo walakkaa
Jirma hamminaan dhiibdee
Na mancaafte bakkaa
Kan lafee koo cabse
Si'idha abbaan yakkaa
Keessaa hin qabu jettee
Hin dhiqatiin harka!

https://t.me/Dirree_beekumsa
❤1
December 23, 2025 483