Aalimni guddaan jaarra keenya kana Sheek Abdul-Aziiz ibnu Baaz… — Bisharo Abdi official — TG.ME

Aalimni guddaan jaarra keenya kana Sheek Abdul-Aziiz ibnu Baaz Rabbiin rahmata haa godhuuf akkana ja’a:
"Yeroo umriin kiyya waggaa 19 gahu, ija kiyya lamaan niin dhabe! Halkan tokko haboon tiyya mana keenya dhufte. Waaniin rafu seete, suutatti haadha tiyyaan akkana jette: 'Abdul Aziiz na rifachiisa, akkamitti dalagaa inni ittiin jiraatu argata?'..." jatteen.

"Guyyaa biraa saahibtittin haadha tiyyaa tan #Nafiisa ja’amtu mana keenya dhufte. Haadha tiyya isii boochu argite!

Nafiisaan rifattee: 'Maaltu si boochisa?' jetteen.
Haati tiyyas gaddaan guutamtee: 'Amrii (haala) Ibnu Baaz tanaatu na rifachiisa, boru akkamitti jiraata' jetteen.

Imimmaan haadhaa kan agarte saahibtii gaariin tun akkana jettee gorsite:
'Booyinsi kee isa hin fayyadu! Ka'i, raka'aa lama salaati, ummata Islaamaa nama fayyadu akka Rabbiin isa godhu Rabbbii kadhadhuuf!'"
Haati bo'icha dhaabdee gara qiblaa garagaltee Rabbii isitti boochee du'aa'ii kadhachuu jalqabdee!

Rabbiin du'aa'ii haadhaa qeebalee Mucaa ija hin qabnee fi ka namni boru maalin jiraata ja’e isaaf rifachaa ture san:
👑 Muftii Walii-gala biyya Sa'udii ta'an.
🌍 Itti gaafatama Fiqhii Islaamaa addunyaa guutuu ta'an.
🏆 Badhaasa Addunyaa 'Malik Feysal' tajaajila Islaamummaatiif argatan.
📚 Goota fi Hangafa Ulamaa'ii zamana keenyaa ta'an.
Maaliin jiraata ja’anii isaaf rakkachuu turan , Rabbiin ammoo jireenya ummata Islaama walii gala harka isaa irratti godhe.

#Rizqiin_harka_Rabbii_jirti, harka namaa hin jirtu! Namni ija dhabee karaan addunyaa itti dhiphate ja’ame, har'a addunyaan maqaa isaa yaamti. Kanaaf, rizqiif jettee nama duratti if gad hin qabin. Rabbiin if biraa rizqii gaarii fi barakaa qabdu nuuf haa kennu! 🤲

Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
👏6❤1
June 6, 2026 2.5K 6