Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I)… — Biiroo Barnoota Oromiyaa — TG.ME

Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhatan, yeroo ammaa kana karaa filannoowwan ifa ta'aniin qabxii isaanii ilaallachuu eegalanii jiru.

Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiirraa lakkoofsi barattootaa fi maatii yeroo tokkotti marsariiticha (website) fi telegiraamii fayyadamanii baay'ee olaanaa waan ta'eef, dhiibbaan teeknikaa mudachaa jira. Kanaan walqabatee saffisni marsariitichaa hir'achuu ykn yeroodhaaf tajaajila kennuu dadhabuu danda'a. Kun haala uumamaa teeknooloojii yeroo gabaabaa ti.
Kanaafuu, barattootnii fi maatiin barattootaa yoo sararri isin jalaa cufame ykn ariitiin isaa laafe, dhiphachuu irraa of qusadhaa.
Filannoowwan sirrii qabxii ittiin ilaallattan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii (Telegram): https://result.eaes.et/telegram
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
📌 Komii dhiyeessuuf (Complaints): https://result.eaes.et/complaint
👍1
August 25, 2026 301