Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame.
----------------
BBO - Adoolessa 24/2018 Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera.
Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera.
Qormaata kan fudhatan barattoota dhiira 267,307
dubara 249,902
#walitti :517,209 ta'an keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban dhiira - 243,827 (91.2%)
dubara -221,012 (88.4%)
#walitti - 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera.
Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf #Liinkii asii gaditti dhihaate banuun;
#Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun
#Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu.
Liinkii:- https://oromia6.ministry.et
@B_B_O2

6
4July 31, 2026 932 7 3