Taphataan Kubbaa Miilaa Turkii Gani Çatan Simbira Du'a Irraa Baraare
Istaanbuul, Turkii — Taphataan kubbaa miilaa Turkii Gani Çatan yeroo tapha kubbaa miilaa amateurii tokko keessatti raawwii isaa nama ajaa'ibsiiseen qalbii namoota hedduu harkise. Taateen kun gaafa Guraandhala 22, 2026 yeroo Finalii Play-Off Liigii Amateurii Kutaa 1ffaa Istaanbuul, naannoo Zeytinburnu keessatti gaggeeffamaa turetti mudate.
Yeroo tapha sanaatti, eeggataan karra garee Istanbul Yurdum Spor kubbaa gara fuulduraatti rukute. Kubbaan sun tasuma simbira galaanaa (seagull) balali'aa turte tokko rukute. Humna rukuttaa sanaatiin simbirri sun battalumatti lafatti kuftee of wallaalte.
Yeroo taphattoonnii fi daawwattoonni taatee kanaan rifatanitti, hoogganaan garee Gani Çatan ariitiin gara simbira sanaatti fiige. Simbirri sun sochii tokko illee akka hin qabne hubachuun, lubbuu ishee baraaruuf tattaaffii jalqabe.
Çatan mala gargaarsa yeroo ariifachiisaa (CPR) irraa fakkeenya fudhachuun qoma simbira sanaa suuta dhiibaa ture. Kaayyoon isaa hafuura deebisuu fi akka of wallaalummaa irraa dammaqtu gochuu ture. Namoonni hedduun abdii kutatan illee inni carraaqqii isaa itti fufe.
Daqiiqaa tokkoof tattaaffii taasise booda, simbirri sun mallattoo jireenyaa agarsiisuu jalqabde. Ijji ishee banamuu fi qaamoleen ishee socho'uu jalqaban. Kunis lubbuun ishee deebi'aa akka jirtu mul'ise.
Simbirri sun yeroo of wallaalummaa irraa deebitetti, Çatan suuta ishee kaasuun ogeeyyii fayyaa qarqara dirree jiranitti geesse. Qorannoon irratti taasifameen miidhaan baallee ishee irra ga'e akka jiru mirkanaa'e; wal'aansi barbaachisaanis kennameef.
Gareen Istanbul Yurdum Spor tapha xumuraa sana rukuttaa adabbii (penalty shootout) irratti yoo dhabe illee, namoonni hedduun injifannoon guddaan guyyaa sanaa waancaa osoo hin taane hojii gara-laafummaa Gani Çatan raawwate akka ta'e dubbatan.
Viidiyoon yeroo inni simbira sana baraaru miidiyaa hawaasaa irratti saffisaan faca'e. Namoonni addunyaa mara irraa hojii isaa dinqisiifatanii galateeffatan. Deeggartoonni kubbaa miilaa fi jaallattoonni bineensotaa gocha isaa akka fakkeenya namaa gaarii tokkootti ilaalu jalqaban.
Erga taateen sun mudatee booda Çatan akkana jedhe:
"Lubbuu tokko baraaruun waancaa tokko mo'achuu caalaa naaf hiika guddaa qaba."
Jechi isaa kun akka inni injifannoo taphaa caalaa gatii lubbuu uumamootaaf kennu agarsiise. Gaarummaan isaa kun beekamtii "Hero to Animals" jedhu argamsiiseef.
Gochi Gani Çatan kun kubbaa miilaa keessaa qofa osoo hin taane, gara-laafummaa, jaalala uumamaaf qabnu fi lubbuu uumama kamiyyuu kabajuun hammam akka barbaachisu addunyaatti agarsiiseera.
Madda: Fuula #Facebook Fayyaa Daa'immanii
Forwarded fromDr. Abdi Adugna (MD)
11June 21, 2026 4.6K