🌿 Jireenyi Gabaabaa Dha… Kanaaf Garmalee Hin Yaadin.............. #myfamily ✺◟(∗❛ัᴗ❛ั∗)◞✺ ✍️
Jireenyi baay'ee gabaabaadha. Namni boru maal akka isa mudatu hin beeku. Kanaaf guyyoota keenya hunda yaaddoo, jibbaa, wal diddaa fi wantoota jijjiiruun hin danda'amneen of dhiphisuun hiika hin qabu. Waan hunda Rabbitti kennadhu; ati ammoo gaarii hojjedhu. Qaddarri Rabbii yeroon isaa yommuu ga'u ni raawwatama.
Yeroon darbe deebi'ee hin dhufu. Namoonni hedduun yeroo lubbuun isaanii jirtu wal gaafachuu, wal kabajuu fi wal gargaaruu dagatu. Garuu yeroo wal dhabanii yookaan yeroo carraan biraa hin jirre ga'u qofa gatii walii isaanii hubatu.
Dur garuu haalli adda ture. Namoonni wal yaadanii ofuma isaanii wal gaafatu turan. Bilbilli tokko yeroo dhufu, "Akkam jirta?" jedhuuf ture; osoo faayidaa tokko hin barbaadin. Yoo namni tokko dhukkubsate, rakkate yookaan gaddaan kufe, isa bira dhaabatanii jajjabeessu. Wal arguun, wal dubbisuun fi yeroo waliin dabarsuun hariiroo jabeeffachuuf akka qabeenya guddaatti ilaalama ture. Namni gaariin hariiroo eeguuf ofuma isaatiin tarkaanfii fudhata ture; osoo wal hin eegin wal barbaada ture.
Har'a garuu teknoolojiin addunyaa walitti dhiheesseera; haa ta'u malee yeroo baay'ee qalbii keenya wal irraa fageesseera. Garee (group) tokko keessatti dhibbaan wal argina; garuu keessaa namoonni hedduun kophaa isaanii gadda baachaa jiru. Ergaa walitti barreessina; garuu yeroo wal dhaggeeffachuu, wal hubachuu fi wal jajjabeessuu ni hir'ifne.
Rakkoon xixiqqaan yeroo uumamu, araara barbaaduu irra callisanii deemu filatu. Ibsa kennuu irra hariiroo cufu filatu. Wal hubachuu irra wal dhiisu salphisu.
Garuu hariiroon gaariin akkasitti hin ijaaramu. Hariiroon obsaan, dhiifamaan, wal dhaggeeffachuu fi wal kabajuun guddifama. Namni si kabaju dogoggora xixiqqaa qofaan si hin dhiisu; furmaata barbaada. Jaalalli dhugaan yeroo rakkinni dhufu irraa hin baqatu; wal qabee ce'uuf tattaafata.
Kanaaf yeroo amma qabdu namoota siif gatii qaban waliin dabarsi. Jaalala kee ibsi. Nama si yaadu galateeffadhu. Yoo walitti bu'iinsi jiraate, araarri akka ariifachiisaa ta'u godhi. Sababni isaas, yeroon har'a si bira jiru boru deebi'ee hin dhufu.
🌹 Ergaa Guddaa:
Jireenyi gabaabaadha. Jibbaa baattee deemuun bu'aa hin qabu. Namoota gaarii hin salphisin. Hariiroo gaarii eegi. Waani ati har'a jaalalaan hojjettu, boru yaadannoo bareedaa ta'ee siif hafa.
Waan hunda caalaa ammoo Rabbitti irkadhu. isaa qoftu qalbii namaa tasgabbeessuu, rakkoo salphisuu fi qaddara gaarii namaaf murteessuu danda'a. Jireenya kee jaalalaan, obsaan, dhiifamaa fi galateeffannaan jiraadhu; yeroon deebi'ee hin dhufuu.✍️