🚨Walquunamtii saalaa booda yeroo hundumaa fincaa’uun akka barbaachisu sitti himamee beektaa?
🦠Walquunamtii saalaa booda infeekishinii ujjummoo fincaani(UTI) simudata yoo ta’e siqofaa mitti .
👩❤️👨Sababa walrigiinsa Yeroo walquunamtii saalaa uumamuun baakteriiyoonni gara ujjummoo fincaanii seenuu danda’u. Kanaafuu walquunamtii saalaa booda fincaa’uun baakteeriyoonni kun akka gara afuufee fincanii seenanii Infeekishinii ujjummoo fincaanii fiduun dura dhiqee dhabamsiisuuf gargaara.
👉👉Walquunamtii saalaa booda yeroo hammamii keessatti fincaa’uutu barbaachisa ?
🚽 walquunamtii saalaa booda daqiiqaa 30 keessatti fincaa’uu yaalii.kanaa olturuun baakteriiyoonni ujjummoo fincaanii irraa gara afuufee fincaanii akka seenaniif yeroo dabalataa waan argataniif hangana osoo turuu baatee ni gorfama.
Walquunamtii saalaa booda fincaa’uun dhukkuboota walquunamtii saalaan darbanii fi ulfi akka hin uumamne ni dhorka.
🤰🏽Walquunamtii saalaa booda fincaa’uun ulfas ta’ee dhukkuboota walquunamtii saalaan darban hin dhorku. Kanaafuu yeroo kana saaxilamummaa hir’isuuf koondomii fayyadami.
👉👉Dhiironni walquunamtii saalaa booda fincaa’uu qabuu?
👨🏻🦰Yoo fincaa’anis humaa miidhaa hin qabu garuu fayidaan isaa muraasa. Dhiironni ujjummoo fincaanii dheeraa waan qabaniif carraan infeekishinii ujjummoo fincaaniif saaxilamuu isaanii xiqqaadha.
🦠Dhiirota irratti infeekishinii yoo mudatu yeroo baay’ee cirracha kalee ykn xannachi prosteetii guddachuu wajjin kan walqabateedha.
👉👉Saaxilamummaa infeekishinii ujjummoo fincaanitiif qabdu hir’isuuf karaan biraa :-
🔷Bishaan gahaa dhuguu
🔷Miirri fincaanii yoo sitti dhufu daftee fincaa’uu
🔷Fincaan kee garaagarummaa sa’a 3-4 tiin fincaa’uu yaali
🔷Erga mana fincaanii fayyadamtee bood ,yeroo of qulqulleessitu fuuldura irraa gara duubaatti haqi. duubaa gara fuuldururaatti yoo kan haqtu ta’e baakteriyonni akka gara ujjummoo fincaanii seenaan godha. Kun immoo infeekishinii ujjummoo fincaanii sitti fida.
🔷Oomishaalee qulqullinaa foolii qaban naannoo qaama saalaa hin fayyadamiin.
🔷(Douching) jechuun qaama saalaa keessa bishaan ykn wanta biraa galchuun dhiqachuun hin barbaachisu.
🔷Oomishaalee spermicide jedhaman, keessumaa yoo UTI sitti deddeebi’u irraa of qusadhu
🔷Uffata keessaa laafaa, qilleensa dabarsu fi jirbii irraa hojjetame fayyadami.
🔷Yeroo dheeraa bathtub keessa turuu hir’isi; yoo danda’ame shawerii fayyadami.
👩⚕️👨⚕️Oddeeffannoo fayyaa dabalataa argachuuf ykn oogeessa fayyaa mariisisuuf, Lakkoofsa ☎️9394 irratti bilbilaa.
#wecareet #freeconsultaion #InfectionPrevention #uti #doctor #sexuallytransmitteddiseases #sexualhealth