Manni Barumsaa Addaa sadarkaa 2ffaa Shaambuu marsaa 3ffaa barattoota… — HORO GUDURU SPECIAL SECONDARY SCHOOL 2013 — TG.ME

Manni Barumsaa Addaa sadarkaa 2ffaa Shaambuu marsaa 3ffaa barattoota kutàa 12ffaa qorumsa seensa Yuuniversitii fudhatan  hunda (100%) dabarsuu danda'eera. Bara 2016 M 36 F 3 T 39 Bara 2017 M 17 F 25 T 42 Bara 2018 M 42 F 11 T 53 seensa Yuuniversitii argataniiru. Hawaasni Mana Barumsaa keenyaa Baga gammaddan. Bu'aan kun kan argame ifaajee barattootaa, barsiisotaa, maatii barattootaa, Hoggansa sadarkaa adda addaan jiran akka ta'e beekamaadha. Milkaa'ina kana itti fufsiisuuf Mana Barumsaa Addaa sadarkaa 2ffaa Shaambuu hundeen jabeessuin murteessaadha. Manni Barumsaa moodela (center of excellence) ta'ee paakejii guutuun barnoota kennu Sadarkaa wiirtuu godinaa (Magaala Shaambuutti) jiraachuun murteessaadha. Mana Barumsaa kana gara boqonnaa moodeleessuutti ceesisuuf hirmaannaan uummataafi qaamolee ilaallatuu isa ijoodha. Walumaagalatti ijoollee keenya Mana Barumsaa moodeleessinee keessatti haa barsiifannuun dhaamsa kooti. Waaqayyoo uumaan keenya milkaa'ina kana itti nuuf haa fufsiisu. Galatoomaa!!!

August 27, 2026 389 2 1