Tiyaatira “Baalchaa Abbaa Nafsoo” Mana Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti
#Tiyaatirichi_har'a eebbifama
Hojiin tiyaatiraa damee ogaartii keessaa tokko ta’ee karaa ittiin seenaa dabe qeeqanii sirreessaniifi gootonni faarfatamuu qabanimmoo ittiin leellifaman isa guddaadha.
Addattimmoo gootota biyyasaanii faayidaa dhuunfaan gurgurachuu mannaa, lafeesaanii itticabsanii dhiigasaanii dhangalaasuun birmadummaashee tiksan hedduun Oromiyaafi Orumummaa keessaa akka biqilan galmee seenaa dabalatee nama lubbuun jiru hedduutu ragaa baha.
Namoonniifi garee muraasni taatee kana dibaabee sobaatiin gaaddiddeessanii dhoksuu yaalanis, baraafi yeroosaa eeggatee har’a dhaloota dhugaa firoomfatanii dharatti diinomaniin gootonni qeeqamuu qaban qeeqamaa; kanneen ijaarsa biyyaa keessatti shoorrisaanii akka tulluu olbahee mul’atu ammoo, afaan aartiitiin faarfatamuu eegalaniiru.
Gootota Oromoo gootummaasaanii yeroo weerartoonni Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatanii birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ittiduulanitti, “Utuu nuyi jirruu biyyi hinweeraramtu” jechuun man’ee diinaa mancaasanii biyya kufuuf turte lafeesaaniin utubanii dhaaban keessaa tokko Baalchaa Abbaa Nafsooti.
Hamma gootummaasaanii dubbatamuufii baatus, akkuma Oromoon “Dhugaafi aduun hindhokatan” jechuun mammaaku yeroo ammaa kana jalqabbiin gama hojii aartiitiin mul’achaa jiru abdii kan namatti horuudha.
Kanaafis tiyaatirri haaraa matadureen, “Baalchaa Abbaa Nafsoo” jedhamu kan Dhaabbanni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee qopheesse har’a eebbifamu agarsiistuu tokko.
Artistoonni kallattiilee adda addaatiin seenaa tiyaatirichaa keessatti qooda fudhatan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; seenaa goota akka Baalchaa Abbaa Nafsoo tiyaatiraan waltajjiirratti dhiyeessuun daran ulfaatus hojichatti garuu baay’ee boonneerra jechuun dubbatu.
Manni tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sababa haaressaatiif waggoota muraasaaf tajaajila addaan kutee ture, tiyaatira seenaqabeessa kanaan tajaajila kennuu eegaluunsaa immoo gammachuu jaalattoota tiyaatiraa dachaa taasiseera.
Tiyaatira Baalchaa Abbaa Nafsoo keessatti taatoo ta’ee hojjechuusaatiin gammachuu guddaan akka ittidhagame kan dubbatu artistii buleessi Abraar Abdoo, hojii tiyaatiraa tokkoon gootummaa Baalchaa guutummaatti ibsuun ulfaataa ta’us; jalqabbiin amma jiru garuu hojii dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu akka danda’u dubbata.
Haaluma walfakkaatuun Baalchaan gootaafi gaaddisa biyyaa, kan gootummaasaa ibsuun namatti ulfaatu ta’uufi gootummaafi jaalala inni biyyasaaf qabu aartiin ibsuun hojii jajjabeeffamuu qabu ta’uu kan ibsanammoo miseensa waldaa gootota durii Itoophiyaa Dhibbaalaa Guddataa Galmeessaati.
Akka isaan jedhanitti, Baalchaan ilma dhiiraa gaafa xiiqiifi lolaa duubatti hinjenne, fakkeenya gootummaa Itoophiyaati.
Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Dhaabbata Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee Obbo Fitsum Zagayyee tiyaatiricha ilaalchisuun ibsa galma Tiyaatiraafi Aadaa Magaalaa Finfinneetti miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti; hojii seenaqabeessa kanaan galmi Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee hojii jalqabuufi hojiilee wwan akka kanaa fuuldurattis kan ittifufan ta’uu ibsaniiru.
Akkuma kana Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qopheessaan tiyaatirichaa Doktar Tashaalaa Asaffaa, kanaan dura tiyaatira seenaa goototaarratti xiyyeeffatu hedduu hojjedhus, kan Baalchaa Abbaa Nafsoo kun garuu hojii miira gootummaa addaa nakeessatti uume waanta’eef, qopheessaa tiyaatirichaa ta’uu koof gammachuu guddaatu natti dhagahamas jedhaniiru.
@Qaroopost
March 29, 2026 284