Shira Invastimantii Fiinteek: Namoota miidhaa qabeenyaa qarshii biiliyoona 1.7 baasu qaqqabsiisuun shakkamanirratti himanni baname
************
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhaabbata "Fintech Investment" jedhamuun namoota 1,200 ol gowwoomsuun miidhaa qarshii biiliyoona 1.7 qaqqabsiisuun shakkamanirratti qorannoo xumuree himata banuu beeksise.
Hundessitoonni dhaabbatichaa Daani'eel Yohaannisiifi Girmaay Gabra Mikaa'el, "Guyyaa 90 keessatti abbaa konkolaataa isin goona" jechuun namoota irraa kaffaltii duraa birrii 950,000 (dhibbantaa 50) walittiqabaniiru.
Kaampaanii Chaayinaa 'BYD' waliin waliigaltee qabna jechuun soba dubbataniiru.
Konkolaattota 148 Jibuutiirraa galchan keessaa 100 qofa namoota muraasaaf hiruun, 48 ammoo dhoksaatti gurguraniiru.
Jibuutiitti dhaabbata "Alfaatiizoo" jedhamu banuun, konkolaattota kaffaltii dhibbantaa 10 qofaan fudhatan kaffaltii hafe otoo hinraawwatiin achumatti gurguraniiru.
Artistoonniifi ogeessonni beeksisaa soba kanaan namoota gowwoomsuun shakkaman, Solomoon Boggaalaa, Saraawiit Fiqree, Daani'eel Tagany, Abrahaam Gizaawu, Yiggarram Dajanee, Mansuur Jamaaliifi Kaaliid Naasir to'annoo jala oolanii mana murtiitti dhihaataniiru.
Isaan kunniin beekamtii isaanii fayyadamuun shira kana tumsuufi badhaasa jonkolaataa "BYD Song Plus" tilmaama birrii miiliyoona saddeet baasu fudhataniiru jedhamuun shakkaman.
Shakkamaa Daani'eel Yohaannis mana sirreessaa ta'ee dhimmasaa hordofaa jira.
Girmaay Gabra Mikaa'el (kan kanaan dura bara 2010 shira walfakkaatuun Intarpooliin qabamee ture) ammoo barbaadamaa jira.
Poolisiin dhimma daddabarsa maallaqaa (money laundering)fi yakkawwan daangaa qaxxaamuran irratti qorannoo isaa ittifufeera jedha odeeffannoon Poolisii Federaalaa biraa argame.
@Qaroopost
March 28, 2026 542 1