Itiyoophiyaatti Miidiyaaleen 309 eeyyama seera qabeessa argatanii socho’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksise.
Wayita ammaa Miidiyaaleen Biroodkaastii 175, Maxxansaa 20, Bakka Bu’oonni Miidiyaalee alaa 35, Marsariitii 73, Biroodkaastii Kaffaltii Intarneetii 5 fi Biroodkaastii kaffaltiin alaa 1 karaa seera qabeessaan galma’uun eeyyama argatanii hojiirra jiru jedhe.
Kanneen keessaa 254 tamsaasarra jiraachuu eeruun, 55 immoo qophiirra jiraachuu ibseera.
Abbaan Taayitichaa baatiwwan jahan darban miidiyaalee 39 damee eeyyama, hordoffii fi mirkaneessaa gahumsaan tajaajilli Sartafikeetii kennamuufii eereera.
waggoottan darban guddina damichaa saffisisuuf jijjiirama seeraa fi hojmaataa taasiseen lakkoofsi miidiyaalee , akaakuu akkasumas dhaqqabummaan isaanii guddachuu himeera.
Abbaan taayitichaa akkaataa labsii fi seera biyyattii bu’uureeffachuun eeyyama tajaajila tamsaasaa ni murteessa, ni kenna, ni haaromsa, ni dhorka akkasumas ni haqa.
Maddii Oduu kanaa: FMC
@Qaroopost

1
1January 21, 2026 514