Mana Barumsaa Bultii Adda: post #237 — TG.ME

@New2016 Jireenyi walitti dabalama waantootaa ti. Rakkina qaba.Bal'ina qaba. Salphina qaba. Ulfina qaba. Warra kanatu walitti dabalamee jireenya hiikkaa qabu fida. Nan kufa jettee hin sodaatin. Kufaatiin dhuma jireenyaa miti. Ulfinatu naaf dhufe jettee hin boonin. Ofiin boonuun galma jireenyaa miti. Isa ta'uf dhalatte osoo hin ta'in hafuun kufaatidha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo, rakkina keessa darbuun dirqama. madda; Kallattii Geggeessummaa(Miratu Shanko) @New2016 @New2016 @New2016

👍33❤21🙏9👏3😁3🥰2
October 11, 2023 35.8K 23