Maatiin Barattootaa Ministeericha komatan. "Bara baraan dhimma waa'ee qormaata kutaa 12ffaan walqabatee gochaa ministteeri barnootaa raawwatuun xiinsammuun ilamaan keenyaa miidhamaara." Maatii barattootaa miidiyaan @Abdii_Sabaa dubbisan. ''Maatii Barattoota" Maatiin barattootaa waggaa waggaan dhimma qormaata kutaa 12ffaa irratti xiinsammuun ilmaan isaanii miidhamaa kan jiru ta'uu ibsuun, kaleessa boru ganamaa firii qormaataa sa'atii 12:00 irraa kaafnee ifoomsina jedhanus haga yeroo ammaatti firiin barattoota isaanii sirnaan ibsamuu dhabuu komatan. Barattoonni qabxii darbiinsaa galmeessan 100% keessaa 3.2% qofa jedhanii, eega ibsaniin booda firii barattoota keenyaa qabanii taa'uun barattoota keenya xiinsammuu isaanii irratti rakkoo guddaa uumeera jechuun miidiyaa @New2016 f komii erganiin maatiin barattootaa kun ibsaniiru. Akkamitti barattootaa kana hunda keessaa parsantiin hangi kun qofti darba jennee yeroo gaaffii nutti ta'ee jirutti, firiin Ijoollee keenyaa haga yeroo ammaatti qabanii taa'uun, rakkoon siistemaa tokkollee hin jiru jechuun bifa kanaan gabaasuun isaanii daran shakkii cimaa nutti uumeera jedhu maatiin barattootaa komii isaanii dhiheeffatan kunniin. Itti dabaluunis, Ministeerri barnootaa gocha akkasii irra deddeebiin waggaa waggaan raawwataa kan jiru waan ta'eef, maatii barattootaas ta'ee, barattootaa isaanii ifaan ifatti dhiifama gaafachuun gara fuulduraatti waan hojjatan hundaa iftoominaan qofa dalaguun akka qaban dhaamaniiru. 🗑ADS🗑 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU
29
19