#Kutaa_12ffaa Akka Ministeerri Barnootaa beeksisee turetti torbee kana bu'aan qormaata kutaa 12ffaa ni ifooma jedhamee eegama. Haa ta'uyyuu malee Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa ifoomeera jechuun miidiyaalee hawaasummaa adda addaa irratti odeeffannoo sobaa ballinaan ni tamsa'a. Bu'aan qormaataa osoo hin ifoomin dura Ministeerri Barnootaa ibsa xiinxallii bal'aa qormaata kanaa ni kenna. Ibsa kana keessatti guyyaa fi sa’aatiin barattoonni bu’aa isaanii itti beekan ifatti ni ibsama. kanaaf oduu miidiyaa hawaasaa irratti naanna'aa jiruun hin burjaaja'inaa. Akkuma yeroo hundaa odeeffannoo madda sirrii irraa yeroo dhageenyu dursinee isin beeksifna. Bu'aa Gaarii Isiniif Hawwina! Odeeffannoo hin mirkanoofne waliif qooduu irraa of qusadhaa
15
12
5October 4, 2023 19.6K