💓🩸 DHIIBBA DHIIGAA 📖 Maal jechuudha? Namni tokko dhiibba dhiigaa qaba kan jedhame, 👨⚕️👩⚕️ ogeessa fayyaa biratti 📏 meeshaa dhiibba dhiigaa safaru ittiin safaramuun, yeroo 2–3 walitti aananii ilaallamee, yoo 🔢 140/90 mmHg fi sana oli ta’eedha. 🤔🔍 Sababoota Dhiibba Dhiigaa Fiduu Danda’an 🔹 🧬 Sanyiidhaan dhufuu danda’a 🔹 🎂 Umuriin dabaluun 🔹 🤰 Ulfa – dubartiin ulfaa ji’a 6 booda 🔹 🧂🍜 Nyaata soogidda baay’ate soorachuu 🔹 🥓🍔 Furdina garmalee 🔹 🪑📺 Sochii qaamaa dhabu 🔹 🍺🥃 Alkoolii 🔹 😥💭 Dhiphachuu 🔹 🩺💔 Dhukkuba kalee qabaachuu ⚠️🚨 Rakkoowwan Dhiibba Dhiigaa Walqabatan 1. ❤️🔥 Onnee dadhabsiisuu – dhiibba dhiigaa ol ka’uun 💪 hojii onnee ulfaachisa 2. 🧠💥Sammuu keessatti dhiiguu (Stroke) – qaama tokko dadhabsiisuu/lammisa’u 3. 🩻🫁 Kalee dadhabuu – hanga hojii dhaabuu gahuu 4. 🩸🩹 Dhukkuba hiddii dhiigaa – keessumatti hiddii gara lukaa 🦵 fi harka 🤲 irratti 🔍👀 Mallattoolee Dhiibba Dhiigaa Namoonni baay’een 🙅♂️ mallattoo tokko illee hin mul’isan, yeroo rakkoon ulfaataa (🧠 stroke, ❤️ onnee, 🫁 kalee) dhufu qofa beekamu. 💥 Yoo dhiibba dhiigaa garmalee dabale mallattoon ni mul’ata: 🤕💫 Dhukkubbii mataa hammaataa 🤢🥴 Nyaata jibbisuu fi garaa garagalchuu 😵♂️🤯 Bitaa itti galuu (confusion) 👀🌫 Ijaan arguuf rakkachuu 👃💧 Funyaan dhiiguu 💡🌿 Gorsa Dhiibba Dhiigaa To’achuuf 1. 🧂🚫 Nyaata soogidda baay’ate irraa of qusachuu 2. 🚶♀️🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu – yoo xiqqaate 30 min guyyaa, torbanitti guyyaa 4 3. 🍷❌ Alkoolii dhugu dhisuu 4. 😌🕊 Hin dhiphatinaa – furmaata barbaadaa wanta isin dhiphisuuf 5. 🚭❌ sigaara irraa fagaachuu – har’a irraa dhaabu 6. ⚖️🥗 Furdina hir’isu 7. 🥦🍎 Kuduraa fi muduraa baay’inaan soorachuu, cooma xiqqeessuu 8. 🩺💊 Yoo dhiibba dhiigaa qabdan yeroo hin tuffatin, ogeessa fayyaa waliin mari’achuu fi qoricha eegalu 💊💯 Qoricha keessan yeroo sirriitti fudhachuudhaan, gorsa kana hojiirra oolchuun rakkoowwan hamaa akka isin hin mudanne ni dandeessu. 📚 Source: www.midlineplus https://t.me/NEC_01
3