Innaa lillaahi wa innaa ilayhi raaji'uun
"Duuti Aalimaa, Du'a Addunyaati" (مَوْتُ العَالِمِ مَوْتُ العَالَمِ) , har'a ibsaan diinii fi utubaan ummata keenyaa tokko dhaamee jira.
——————————
🤲 : Duuti Aalimaa, Du'a Addunyaati!
Innaa lillaahi wa innaa ilayhi raaji'uun,
Har'a dachii irratti ibsaan tokko dhaame.
"Duuti aalimaa, du'a addunyaati"
Sheekh Suleeymaan Qunbii gadda nuun ga’anii.
Goota diinii kan masjiida meeqa ijaarsise,
Sagalee Azaanaa golee hundatti dhageessise.
Beekumsa fi arjummaan ummata qajeelche,
Seenaa boonsaa kaa'ee har'a nu biraa deeme.
Urjii dukkana keessaa, utubaa amantii,
Gaddii kee onnee keessa nu seenee har'aittii.
Lafa irratti mana Rabbii ijaartee miidhagsite,
Waadaa Rabbii fudhattee gara Isaatti deebite.
Yaa Rabbi qabrii isaanii ifaa fi bal’ina godhiif,
Masjiidota ijaarsisan sana saajida isaaniif godhiif.
Dachii irratti Mana Rabbii Keetti ummata waamaa turanii,
Jannatul Firdaus keessatti isaan haa qananiisu !
Aamiin Yaa Rabbal Aalamiin. 🤲
Rabbiin rahamata haa godhuuf, maatii, jaallan, fi ummata Islaamaa maraaf sabrii fi jajjabina haa kennu.
إنا لله وإنا إليه راجعون اللهم اغفر له وارحمه واسكنه فسيح جناته ويلهم أهله وذويه الصبر والسلوان ، آمين يارب العالمين





