Dorgommiin 'Miss World 2026' Xumurame; Joheirry Mola Riippaabiliika Dominiikaan Irraa Mo'attuu Yemmuu Taatu, Ruut Yirgaalam Osoo Hin Darbin Hafte
Dorgommiin bareedinaa addunyaa 'Miss World 2026' 75ffaan magaalaa Nha Trang, biyya Veetnaam keessatti har'a galgala xumurameera. Dorgommii kanaan bakka buutuun Riippaabiliika Dominiikaan kan taate Joheirry Mola Dominguez mo'attuu 'Miss World 2026' ta'uun gonfoo kana injifatteetti. Akkasumas bakka buutuun Ispeen Elisabeth Reynés sadarkaa lammaffaa bahuun dorgommicha xumurteetti.
Gama birootiin, bakka buutuun Itoophiyaa Ruut Yirgaalam dorgommii kanarratti hirmaachuun aadaa biyyattii, keessattuu uffata aadaa Oromoo waltajjii addunyaarratti haala miidhagaa ta'een kan calaqqisiiste ta'us, gara dorgomtoota 40 (Top 40) duraa keessa osoo hin seenin hafteetti. Biyyoota Afrikaa irraa dorgomtoota 40 duraa keessa seenuu kan danda'an bakka buutota biyyoota Naajeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Zaambiyaa fi Eertiraa akka ta'an gabaafameera.
Haa ta'u malee, Ruut Yirgaalam waltajjii idil-addunyaa kanarratti hirmaachuun ishee fi aadaa Itoophiyaa addunyaaf beeksisuun ishee injifannoo guddaa akka ta'e deeggartoonni ishee ibsaa jiru.
Gonfoo dhabdus, onnee lammiilee ishee keessatti kabaja guddaa argatteetti jechuun miidiyaalee hawaasaa irratti ergaa jajjabinaa fi dinqisiifannaa isaanii dabarsaa jiru.
Odeeffannoo hatattamaaf karaa Teelegiraamaa nu hordofaa.
@MubeTech1
@MubeTech1
2September 5, 2026 77 1