Kolfaan dhumne.
Intalaa Diyaspora fi gurbaa Miskiina.😁
Intalti nin furdoodha jettee barmeeluma deemu ji'iin, umriin deemtullee ammoo bifaan bissii bilchaatte fakkaatti, Imalaaf Minibaas keessa ol seentee kursii gama duubaa takkarra kophaa ishii bootaa nama lamaa cuftee teesse.
Gurbaan haphiin ishitti aanee olseene kan rifeensa maree kofoo huddurraan gad buusee deemu tokkos qaccee xiqqoo ishirraa hafte takkatti dhiibbatee hudduu takkaan moggatti galee biraan taa'e,
Ishii ingiliffaa itti mammakaa bilbilaan "ookkee, alright" jechaa hasoytu dhageenyaan diyaaspooraa ta'uu shakkee carraa mokkorachuuf mala ittiin wal baratu yaadee
"wahiin sitti rakkisee"? je'een, sagalee tottolfachaa.
Intaltinis tanuma zigaalaa takka, No No, its Ok its Ok, jechaa siqullee baattu tiqqo sosossoote.
Maqaa, eessarraa fii maaliif akka deemtu erga gaafatee Diyaaspooraa ta'uu ishii mirkaneeffatee booda, Intalti umriin guddoo taatus umriin ishii rakkoo tiyya hin caaltuu, baasan musxafaadhaa carraa kiyya nan yaala je'ee murteessee itti haasawuu jalqabe.
Gurbaa:- Amalli kee namatti tola!
Intala, Teenkiyuu
Gurbaa:- Harka tokkoon rifeensa maraa Gurratti achi je'eeti Sagalee gad qabee "Akkuman si Arketti naaf taatee bar, yoo naaf hayyamte sin fuudhaa akkam jetta? je'ee itti hasaase.
Intala:- kkkk jettee itti kofalteeti, boo ati ganaa taphatteetuu hin quufnee maal na fuuta? Amma yoon siif hayyame na bulchuu ni dandeessaa? jettee gaafatte
Gurbaanis ka laafuumitii, Qallina kiyya laalteetiimii, garuu an onnee qulqulluunin jaalala siif kennee si gammachiisaa beeki, je'ee deebiseef.
Dhugumattuu mucaan gabaabina isaatiin walirratti hogga laalan fagaattu waggaa 17 ta'a
Intala:- What,? Ati ganaa joolleedha, lakkii hin ta'uu boo namninuu maal nuun ja'a. jettee afaan qabattee qaqqaanfachaa nama ofirraa laalutti seente.
Gurbaa:- Maal rakkoo qaba Umriin lakkooysaa bar, waannaan jaalalaa je'eenii deebiseef.
Duuba naatu si fuudha moo siitu na fuudha ree tan qishnaa takka jennaanin, Gurbaan dubbiin waan laafteef sehee ati na fuutus ni taha maa hin ja'iniin,
Isarraa dhugaa tahuu hoggaa hubattu Mooraalii isaa eeguuf jecha, Hayyee si fuudhuu sin fuudhaa garuu ammoo Ummaa teetiin waraqaa mana murtiirraa naaf barreessisi ja'iin, jetteen
Gurbaa, Waraqaa maal ?
Intala, Tan hayyama guddifachaa khaa 😂
Rabbi hafee ilmoo hiriyaa tiyyatti waa hin heerumuu guddifachaaf yoo taate ammoo sin fudhadhaadhaa, beeki dubbiin!
Ee si magan sitti magan, jenne
Dubbii joollee zabanaa 🙏
Just for fun
Nagayaan Oola.
Mubarak Siraj
@MubeTech1