Waa dhabni hamaadha
Fuula nama si dhaaba
Kan ati beytuu tu
hula sitti gad qaba
Gaafa ati rakkatte
Tokko siin jaaltu
Hundu si wallaala
Kan duraan beytu
Rabbin ko sin mudin
dhaban harka nama
bareeda yoo taatees
Enyu sitti haajama
Si dheessuu eegala
Gaafa ati dhabde
Lafaa ol sin fuudhu
Yooniifi nille cabde
Kaleessa si beeka
Arrammo si dheessa
Dhabu keetif ja'e
Ifirra si fageessa
Qabaata yoo taate
Kan si beeku dhibba
Akka tasa dhabnaan
Firrinuu si jibba
Dhabaan sin mudin mee
Fuula ilma nama
Rabbiin siif Ha kannu
Waan dhabde hunduma
@MUAZMOHAMED✍️
4
3
2September 21, 2025 10.2K 36