Gosti mormii sadarkaa duraa murtiin haqa Qabeessi Akka hin kennamne danquu danda'an Kanneen Akkamiiti ?
Seerri deemsa falmii hariiroo hawaasaa kwt 244/2 jalatti mormiiwwan sadarkaa duraa himatamaan kaasuu danda'u tarreessuun keewwatuma kana Keewwata xiqqaa 3 jalatti immoo himatamaan mormiiwwan kana carraa dursaa argateen kaasuu Akka qabuufi mormii kana yeroon kan hin kaasin yoo ta'e murtii haqa qabeessa kennuuf danqaa ta'uu kan danda'an yoo ta'e malee Sana booda kaasuu Akka hin dandeenye kaa'ee jira.kana haa jedhuu malee mormiiwwan sadarkaa duraa murtii haqa qabeessi Akka hin kennamne danquu danda'an maal maal Faa Akka Ta'an Keewwata Kana Jalatti hin kaa'amne.
ta'us Haala Uumama isaanii irraa Akka hubatamutti mormiiwwan sadarkaa duraa Carraa dursa argameen yoo hin kaafamne ta'e murtiin haqa Qabeessi Akka hin kennamne danquu danda'anii Fi Murtiin Dura yeroo kamiiyyuu kaafamuu danda'an isaan asiin gadii kana hammachuu danda'u.
1 dhimmichi mana murtii biraatti ilaalamaa kan jiru yoo ta'e (pending of suit in other court ) : Kunis dhimma tokko irratti murtiin garaagaraa kennamuun Raawwii irratti rakkoon Akka hin dhufneefi akkasuma dadhabbii Fi baasii garaagaraatiif Akka hin saaxilamneef gargaara.
2 Aangoo hundee dubbii (material jurisdiction of court) : Murtiin Haqa Qabeessi Kennamuuf Manni Murtii Dhimmicha irratti Aangoo Hundii Dubbii Qabaachuu qaba.
3 dhimma dursa murtii argate ( res judicata) : dhimma dursa murtii argatee ture lammaffaa deebi'anii ilaaluun murtii haqa qabeessi Akka hin kennamne danquu danda'a.
4 mirga hin qabneen falmuu ( when plaintiff doesn't have vested interest ) : Kunis barbaachisaa kan ta'eef namni biraa mirga qabu dhiyaachuu waan danda'uufi.
Dhimmoota Seeraa addaa addaa irratti Hubannoo Seeraa Bilisaa Bal'inaan Argachuuf
Waa Aanaa Gubbaa Qorichaa hordofaa. Galatoomaa !
Haqaan Haqaaf Hojjanna !















