Dv’n hafeera 😭
Ameerikaan lootarii DV waggaa waggaadhaan gaggeeffamaa ture addaan kutte!
Pirezidaantii Doonaald Tiraamp torban darbe Yunivarsiitii Biraawun keessatti dhukaasa jumlaa raawwatameen namoota lama ajjeefamuu hordofuun Lootorii Kaardii Magariisaa Ameerikaa (DV) addaan kutaniiru.
Lammiin Poorchugaal haleellaa kana raawwachuudhaan shakkame, lootarii DV bara 2017 moo'achuun gara Ameerikaa kan seene yoo ta'u, kaardii magariisa argateera.
Ministirri Nageenya Biyya keessaa Kiriistii Nooam akka jedhanitti, sagantaan Dv loterii kun qajeelfama Tiraampiin yeroodhaaf addaan kan cite yoo ta’u, ''sagantaa kanaan lammiileen Ameerikaa kana booda akka hin miidhamneef'' jedhan.
Angawoonni U.S. shakkamaan ganna 48 Claudio Neves Valente jalqaba torban kanaa piroofeesara Inistiitiyuutii Teeknooloojii Masaachusets Nuno Lurero akka ajjeese ni amanu jedhan.
Sagantaan Lootorii DV waggaatti namoota kuma 50 aaf balbala lammummaa U.S. bana.
Wanti baay'ee na ajaa'ibe sababa namni lama du'eef qofa sagantaa guddaan addunyaan hawwii guddadhaan waggaa waggadhan eegdu hafe!












