Baankiin Gadaa Inistitiyuutii Leenjii Galaanaa Itoophiyaa (Ethiopian Maritime Training Institute) fi Waldaa hojjettoota Doonii Galaanarraa Itoophiyaa (Ethiopian Seafarers basic workers Association) waliin waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessan.
Waliigaltichas Hoji-raawwachiisaa Olaanaa Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo, Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Galaanaa Itoophiyaa Firaansi Joobertii fi Barreessaa Olaanaan Waldaa hojjetoota Doonii Galaanarraa Itoophiyaa Eliyaas Dandir, bakka Manaajimantiin dhaabbilee sadanii argamnitti waliif mallatteesaniiru.
Abbootii Aksiyoonaa Kuma 32 ol kan qabuufi Teeknooloojii Baankiin ammayyaa barbaaduun deeggaramee tajaajila baankii si’ataa hawaasaa giddugaleessa godhate (community Banking) irratti xiyyeeffate kennaa kan jiru Baankiin Gadaa, hariiroo isaa dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa adda addaa waliin cimsatee hojii hawaasaa fi dhaloota irratti bu'uureffate hojjechaa jira.
Bu’uuruma kanaanis, Inistitiyuutii guddaa waggaa waggaan Injiineroota Galaanaafi Ogeeyyii Elektiroo-Teknikaal (Electro Technical Officers) hedduu leenjisuu irratti argamu Inistitiyuutii Leenjii Galaanaa Itoophiyaa waliin waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu har’a mallatteessaniiru.
Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo Baankiin Gadaa Dhaabbilee gurguddoo Daangaa cehanii hojjetan kanneen waliin hariiroo uumee hojjechuun guddina Baankichaaf gahee isaa kan bahatu ta’uu himuun, tajaajila Baankiin kennu kamuu dhaabata waliif mallatteessaniif kennuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.
Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Galaanaa Itoophiyaa Mr. Firaansi Joobertis Baankii saffisaan guddachaa jiru Baankii gadaa waliin hojjechuuf waliigaluu isaaniitti gammachuu qabaachuu isaanii dubbataniiru.
Baankii Gadaa
Baankii Dhaloota Haaraa
ገዳ ባንክ ከኢትዮጵያ ማሪታይም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት ((Ethiopian Maritime Training Institute) እና ከኢትዮጵያ የባህር ላይ ሠራተኞች ማኅበር ጋር ለመሥራት የመግባቢያ ሰነድ ተፈራረሙ።
ስምምነቱን የገዳ ባንክ ዋና ሥራ አስፈጻሚ አቶ ወልዴ ቡልቶ፣ የኢትዮጵያ ማሪታይም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት ዋና ሥራ አስፈጻሚ ሚስተር ፍራንስ ጆበርት እና የኢትዮጵያ የባህር ላይ ሠራተኞች ማኅበር ዋና ጸሐፊ ኤሊያስ ዳንዲር እና፤ የሦስቱም ተቋማት የማኔጅመንት አባላት በተገኙበት ተፈራርመዋል።
ከ32 ሺህ በላይ ባለአክሲዮኖች የያዘውና ዘመናዊ ባንክ በሚፈልገው ቴክኖሎጂ ታግዞ ማኅበረሰብን ማዕከል ያደረገ (Community Banking) ፈጣን የባንክ አገልግሎት እየሰጠ የሚገኝ ገዳ ባንክ፤ ከተለያዩ የመንግሥትና መንግሥታዊ ያልሆኑ ተቋማት ጋር ያለውን ግንኙነት በማጠናከር ማኅበረሰብ እና ትውልድን መሠረት ያደረጉ ሥራዎችን እየሠራ ይገኛል።
በዚህም መሠረት፣የኤሌክትሮ-ቴክኒካል ባለሙያዎችን (Electro-Technical Officers) ከሚያሰለጥነው ታላቅ ተቋም (ከኢትዮጵያ ማሪታይም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት) ጋር በጋራ ለመሥራት የሚያስችለውን ስምምነት ዛሬ ነሐሴ 12 ቀን 2018 ዓ.ም ተፈራርሟል።
የገዳ ባንክ ዋና ሥራ አስፈጻሚ አቶ ወልዴ ቡልቶ በዚሁ ወቅት እንዳሉት፤ ገዳ ባንክ ድንበር ተሻግረው ከሚሠሩ እንደነዚህ ታላላቅ ተቋማት ጋር ግንኙነት ፈጥሮ መሥራቱ ለባንኩ ዕድገት የጎላ ድርሻ እንዳለው ጠቅሰው፣ ማንኛውንም የባንክ አገልግሎቶች በተቀላጠፈ ሁኔታ ለማቅረብ ዝግጁ መሆናቸውን ገልጸዋል።
የኢትዮጵያ ማሪታይም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት ዋና ሥራ አስፈጻሚ ፍራንስ ጆበርት በበኩላቸው፤ በፍጥነት እያደገ ከሚገኘው ገዳ ባንክ ጋር አብሮ ለመሥራት በመስማማታቸው የተሰማቸውን ከፍተኛ ደስታ እንደተሰማቸዉ ተናግረዋል።
ገዳ ባንክ
የአዲሱ ትዉልድ ባንክ
#GadaaBank #NewGenerationsBank