Dhukkuba cittoo (Scabies)
KA’UMSA
Cittoon ilbisa xiqqoo ijaan hin mulla’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun kan dhufu dha.
Ilbisi kun miila saddeet kan qabdu yoo taatu, erga gogaa namaa irra qubattee booda, gogaa namaa gadi qotuudhaan boolla uummattee keessatti hanqaaquu buusuudhaan wal horuu eegalti, achumaanis mallattoo argisiisuu eegalti.
Cittoon qaama namaa keessaa bakka jallaattu qabdi, isaanis: quba gidduu, bobaa jala, naannoo buusaa barruu harkaa, ciqilee, faana miillaa, naannoo harmaa, naannoo qaama saalaa dhiiraa, teessuma fi jilba fa’i.
MALLATTOO
Garmalee hooksisuu, hooksisuun kun guyyaa caalaa halkan kan hammaatuudha.
Madaan xixiqqoo gogaa irraa xiqqoo olkaatu, keessumaa yoo ciminaan kan hooqan ta’e haga dhiiguutti deemtu.
Mallattoon dhukkuba cittoo kun namoota dhukkuba dabalataa akka HIV/AIDs qaban irratti baay’ee kan hammaattuudha.
Erga gogaan namaa sababa cittoo kanaan miidhamee madaa’ee booda, baakteeriyaan adda addaa kan duraan gogaa uranii seenuu hin dandeenye, carraa uumameef kanatti fayyadamuudhaan nama hubuu malu. Yeroo kana gogaan haga malaa (pus) yaa’uutti madaa’uu danda’a.
DADDARBIINSA
Waltuttuqqaa nama dhukkuba kanaan qabame fi nama fayyaa yoo ta’u.
Uffataa (keessumaa uffata kan qaamatti aanu) yoo kan namoota dhukkuba kana qaban waliin kan qooddatan ta’eedha.
YAALA FI ITTISA
Cittoon qorichaan (qoricha qaama hubametti dibatamuun) kan guutummaatti fayya.
Kanaaf akkuma mallattoo kana ofirratti arganiin, mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuun dirqama.
Uffata qaamaa fi uffata siree ciisicha namni cittoodhaan qabame fayyadame hunda altakkaa saamunaadhaan sirriitti miicuu, achiis sirriitti akka goguuf aduutti baasuu.
Waantoota miicamuu hin dandeenye ammoo plaastika keessa kaa’uudhaan bakka namni hin geenye tirban muraasaaf tursiisuudha. Kunis jarmootni cittoo fidan kun beela’anii waan du’aniifi dha.
Fayyaan Faaya