📢 Galmee Qormaata Seensa Barnoota Digirii Jalqabaa (Undergraduate) Yuunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknooloojii Bara 2019
Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa (ASTU) fi Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee (AASTU), barattoota Saayinsii Uumamaa (Natural Science) bara 2018tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii 50% fi isaa ol galmeessan, qormaata seensaa online kennuun bara 2019tti simachuu barbaadu.
🎓 Gosoota barnootaa:
- Applied Science fi
- Engineering
📚 Tarreeffama dameewwan barnootaa 👇
https://www.facebook.com/share/p/19EMVmakWg/
ykn
https://www.facebook.com/share/p/18zZo4rxUj/
🗓 Yeroo Galmee:
Hagayya 25 irraa eegalee hanga Qaammee 03/2018 galgala keessaa sa'aatii 6:00tti.
🌐 Bakka Galmee:
Ulaagaa galmee kan guuttan yoo ta'e, online 'dhaan karaa:
https://stuoexam.astu.edu.et
ykn
www.aastu.edu.et
www.astu.edu.et
fayyadamuudhaan galmaa'uu dandeessu.
📌 Guyyaa Qormaataa:
Guyyaan qormaataa yeroon galmee erga xumuramee booda beeksifama.
📍 Bakka Qormaataa:
Yeroo galmooftan buufata qormaataa (exam center) filattanitti, qaamaan argamuun qormaata fudhattu.
⚠️ Buufata qormaataa tokko irratti lakkoofsi iyyattootaa gahaa yoo hin jiraanne, buufatichi gara buufata qormaataa isa itti dhihoo jirutti jijjiiramuu danda'a.
🔔 Qophii Qormaataa:
Yuunivarsiitiiwwan kunniin barattoonni dursanii barnoota qormaata seensaa irratti kennamurratti Akka qophaa'an gorsu. Isaanis:
🧬 Biology
🧪 Chemistry
⚡ Physics
📐 Mathematics
📖 English
Barnoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti jiran irratti xiyyeeffachuun qophaa'aa.
📄 Yeroo qormaataaf dhuftan:
1. Bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018
2. Kaardii admission qormaataa (ykn eenyummaa/ID)
3. Kooppii ragaa mirkaneessaa galmee
qabachuun isin irraa eegama.
📢 Barattootni ulaagaa kana guuttan hundi yeroon galmee osoo hin dhumin dura galmaa'aa!
https://t.me/Freshmancourse11
https://t.me/Freshmancourse11
August 30, 2026 139