Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf… — Freshman Course — TG.ME

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!

Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.

Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.

Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera.
August 29, 2026 179